Aadde Adaanech Abeebeen pirojektoota dhaabbilee Poolisii 32 eebbisiisan

Wait 5 sec.

Finfinnee, Mudde 20, 2018 (FMC) – Kantiibaan Magaalaa Finfinnee aadde Adaanech Abeebeen dhaabbilee Poolisii fi Ittisa Balaa Ibiddaa haaraa ijaarsi isaanii xumurame 32 eebbisiisaniiru.Dhaabbileen kunneen bifa ammayyaan ijaaramuun tajaajila eegaluu ibsaniiru.Hojiin kun magaalaa keenyatti tajaajila poolisiifi ittisa balaa ibiddaa gara uummataatti dhiyeessuun hawaasni ijaarsa nageenyaafi hojii naannoo eeguu keessatti abbummaan akka hirmaatu taasisa jedhan.Dhaabbileen kunneen sadarkaa guddina magaalaan Finfinnee irra geesse waliin walsimuun ijaaramuun dabalata, bu’uuraalee misoomaa teekinooloojii fayyadaman, bakka tursiisa daa’immanii fi kilinika akkasumas tooftaa odeeffannoo ammayyaa fi meeshaalee ittisa balaa of keessatti kan hammatan ta’uu eeraniiru.#Oromia #EthiopiaOdeeffannoowwan waqtaawaa dabalataa argachuuf;Teelegiraama t.me/afanoromofanaYuutiyuubii Afaan Oromo: www.youtube.com/@fmcafaanoromooMarsariitii www.fanamc.com/afaanoromooTiwiitara https://twitter.com/fanatelevisionFeesbuukii: FMC Afaan OromooTiktok https://www.tiktok.com/@fana_afaan_oromooYeroo maraa nu waliin waan taataniif isin galateeffanna.