Manni Murtii Ol’aanaa Godina Arsii kenna tajaajilaa si’ataafi qaqqabamaa taasisuuf hojjetaa jira

Wait 5 sec.

Finfinnee, Ebla 25, 2018(FMC) – Manni Murtii Ol’aanaa Godina Arsii kenna tajaajilaa si’ataafi qaqqabamaa taasisuuf hojjechaan jira jedhe.Manni murtichaa dhamaatii abbaa dhimmaa fi rakkoo abbootii kanaan dura ture jajjabeessuudhaan tajaajila saffisaafi dhaqqabamaa ta’e kennuuf tekinooloojiiwwan ammayyaatti fayyadamuu fi hojimaatawwan haaraa hojiirra oolchaa jiraachuu Pirezidaantiin mana Murtichaa obbo Galaanaa Tarreessaa himaniiru.Haaluma kanaan tekinooloojiiwwan kanaan dura hojiirra oolche cinatti giddu Gala haaraa Tajaajila Bilbila bilisaa 6452 hundeessuun ifoomsee jira.Giddugalli tajaajila bilbila bilisaa Kun hawaasni odeeffannoo gahaa yeroo barbaadetti bakkuma jiru irraa argachuun tajaajilli qulqullina qabu akka kennamuuf shoora ol’aanaa akka qabus eeraniiru.Hawaasni bal’aanis tajaajila Mana Murtichaa irraa barbaadu ilaalchisee odeeffannoo ga’aa argachuufis ta’e eeruu kennuu yoo fedhe, sarara lakkoofsa bilbilaa gababaa 6452 irratti bilisaan bilbiluudhaan tajaajilichaa argachuu akka danda’u hubachiisaniiru.Tajaajilichis, guyyaa hojii mootummaatti (Wixataa hanga Jimaataatti) yeroo hundumaa sa’aatii hojii mootummaatti tajaajila akka kennu himaniiru.Faxxanaa Zawudeetu gabaase.#Oromia #Ethiopia