Gootummaa yerichi barbaaduu, Olaantummaa Teeknoolojii

Wait 5 sec.

Finfinnee, Ebla 26, 2018 (FMC) – Yaadni gootummaa yerichaa beekumsa, haxxummaa fi olaantummaa teeknoolojii kan gaafatu ta’uu Hoji-raawwachiisaa Olaanaan Faanaa Miidiyaa Koorporeeshin Obbo Admaasuu Daamxoo ibsan.Faanaa Miidiyaa Koorporeeshin Inistiitiyuutii Hubannoo Namtolchee Itiyoophiyaa fi Istuudiyoo Hubannoo Namtolchee’Ehud’ waliin ta’uun dorgommii muuziqaa Hubannoo Namtolchee Itiyoophiyaatti kan jalqabaa ta’e gaggeesseera.Obbo Admaasuu Daamxoo wayita kana akka jedhanitti, dorgommiin kun tajaajila miidiyaa fi damee og-artii Itiyoophiyaa keessatti boqonnaa kalaqaa haaraa kan baneedha.Faanaa Miidiyaa Koorporeeshin tajaajila idilee odeeffannoo kennuu, barsiisuu fi bohaarsuu biratti, maddisiisaa yaada biyyaalessaa fi dirree yaadni itti calalamu ta’ee tajaajilaa jira jedhan. Keessattuujedhan, kalaqaa fi ceumsa dhalootaa irratti xiyyeeffachuun hojjechuun, dhaloota faayidaa biyyaalessaatiif carraaqu ijaaruun kaayyoosaa isa ijoodha.Waggoottan darbaniitti keessattuu ijaarsi Instityuutii Hubannoo Namtolchee Itiyoophiyaa fi bocamuun tarsiimoo Diijitaal Itoophiyaa 2030 milkaa’ina teeknoolojii har’aatiif haala mijeessuu dubbataniiru.Dorgommiin kun muuziqaawwan hubannoo namtolcheen hojjetaman dhiyeessuu bira darbee, teeknoolojiin kun afaanota Itiyoophiyaa akka hubatu, qindoomina muuziqaa aadaa keenya akka addaan baafatu, lallaafina fi miira jechootaa eeggatee akka hojjetu gochuu keessatti gumaacha guddaa qaba jedhan.Mata-dureen dorgommichaa aarsaa abbootii keenyaan abdii bilisummaa fi kabaja uummata gurraachaa kan ta’e Injifannoo Adwaa irratti kan xiyyeeffate yoo ta’u, dhaloonni har’aas gootummaa yerichaa beekumsaa fi teeknoolojiin irra deebi’ee hojjechuun akka irra jiru dhaamaniiru.Dorgommiin kun dandeettii Itoophiyaan damee teeknoolojii kanaan qabdu addunyaatti kan mul’isuu fi ol-aantummaa diijitaalaa ishee kan mirkaneessitudhas jedhan. Galteewwan dorgommii kanaan argaman guddina teeknoolojii fi artii gara fuulduraatiif akka ka’umsa guddaatti akka tajaajilanis ibsaniiru.Yoonaas Geetinnatiin #Oromia #Ethiopia