Ministirri Muummee Dooktar Abiy Ahimad tattaaffii damee oomishaa Itiyoophiyaa babal’isuuf godhamu Eksipoo 4ffaa ‘Itiyoophiyaan haa oomishtuu’ eebbisuun ifatti bananiiru.Milkaa’inoota gurguddoo Iksipoon kun hanga ammaatti argamsiise:-Dhiyeessiin galtee damee oomishaa toonii miiliyoona 9 irraa gara miiliyoona 15’tti guddateera,Invastimantiiwwan indaastirii haaraaf humni elektirikaa Giigaa waattiin 3.4 ol dhiyaateera,Dhiyeessiin faayinaansii intarpiraayizoota xixiqqaafi giddugaleessaaf dhiyaatu Birrii biiliyoona 8.1 irraa gara Birrii biiliyoona 50 kan guddate yoo ta’u indaastiriiwwan gurguddaaf ammoo gara Birrii biiliyoona 200 fi biiliyoona 62 olitti guddateera,Damichaaf sharafni alaa Doolaarri biiliyoonni 2.28 ol ramadameera, Dandeettiin oomishuufi guddinni %4.8 irraa gara %10.7’tti kan guddate yoo ta’u yeroo itti aanutti guddinni dabalataa ni eegama,Oomisha kan biyya keessaa bakka buusuun Doolaara biiliyoona 4.85 baraaruun kan danda’ame yoo ta’u daldalli alaas guddina olaanaa argamsiisaa jira,Invastimantiiwwan kuma 2 fi 800 ol harkisuun kan danda’ame yoo ta’u, lammiilee miiliyoona 1.4’f carraan hojii uumameera,Eksipoon kun waltajjii biyyaalessaa indaastiriiwwan walitti hidhu, invastimantii hawwatu, oomishtoota dhibbaan lakkaa’amaniifi daawwattoota kumaatama kan walitti fidu ta’eera.Walumaa galatti Eksipoon kun banamuun dameen oomishaa guddina diinagdeef, carraa hojii uumuuf fi dorgomtummaa sadarkaa idil-addunyaatti qabu beeksisuun ce’umsa indaastirii Itiyoophiyaa saffisiisaa akka jiru agarsiisa.#Oromia #Ethiopia