Maanchistar Yuunaayitid 3- 2 Liivarpuul

Wait 5 sec.

Finfinnee, Ebla 25, 2018(FMC) – Tapha Piriimer Liigii Ingiliz torbee 35ffaan Maanchistar Yuunaayitid Liivarpuuliin galchii 3 fi 2’n injifateera.Bu’aa kana hordofee bara dorgommii itti aanuutti Maanchistar Yuunaayitid Shaampiyoonsi Liigii Awurooppaa irratti akka hirmaatu mirkaneeffateera.Tapha dursee taphatameen Boornimaawuz Kiristaal Paalaasiin galchii 3 fi 0’n injifateera.Sa’aatii 3:00 irraa eegalee ammoo Aston Viilaan dirree isaa Viilaa Paark irratti Tootanhaam Hootispar waliin taphata.#Oromia #Ethiopia