Itiyoophiyaan pirojektoota misooma tuurizimii itti fufsiisuuf dandeessisan ijaaraa jirti – Obbo Tamasgeen Xurunaa

Wait 5 sec.

Finfinnee, Ebla 26, 2018(FMC) – Itiyoophiyaan pirojektoota misooma tuurizimii itti fufsiisuuf dandeessisan ijaaraa jirti jedhan Ittaanaan Ministira Muummee obbo Tamasgeen Xurunaan.Obbo Tamasgeen Xurunaan ijaarsa Hoteela (4 Points by Sheraton Tana Hotel) jedhamuun moggaafame eegalchiisaniiru.Hoteelonnii fi Riizoortiiwwan Magaalaa Bahiirdaaritti ijaaramaa jiran iddoolee ga’umsa Tuurizimii babal’isuun yaa’insa Tuurizimii dabaluu keessatti gahee olaanaa qabaachuu obbo Tamasgeen Xurunaan saganticharratti ergaa dabarsaniin himaniiru.Pirojektiin kun lafa Iskuweer meetira kuma 32 fi 440 irra kan qubatu yoo ta’u, baasii Birrii biiliyoona 3.3’n ijaarama.Yaadama Ida’amuun Tuurizimii waareessuuf hojjetamaa jiraachuu ibsan.Akkasuma hojiileen hojjetamaa jiran dorgomtummaa idil addunyaa damichaa kan mirkaneessanii fi hojiilee dhaloota dhufu boonsan ta’uu eeran.Leeykun Alamiin#Oromia #Ethiopia