Finfinnee, Ebla 25, 2018(FMC) – Ministirri Muummee RDFI Dooktar Abiy Ahimad biyyi gargaarsa fudhattu biyya birmaduudha ofiin jechuu hin dandeessu jedhan.Ministirri Muummee Dooktar Abiy Ahimad wayita Eksipoo 4ffaa ‘Itiyoophiyaan haa oomishtuu’ eebbisuun banan akka jedhanitti, damee hundaan oomishuun birmadummaa gonfachiisa.Itiyoophiyaan xaa’oo oomishuu yoo hin dandeenye oomishni qonnaa bu’aa qabeessa ta’uu akka hin dandeenye ibsaniiru.Oomishaalee galtee nyaataa, sanyii filatamaa fi xaa’oo biyya keessatti oomishuun birmadummaa nyaataa mirkaneessuuf akka deeggaran eeraniiru.Boba’aafi gaazii oomishuu dadhabuu keenyaan qormaanni hedduun nu mudateera jedhanii, Itiyoophiyaan akka biyyoota boba’aafi gaazii hedduu qabanii dandeettii olaanaa qabaattus hanga ammaatti oomishuu dadhabuu keenyaan rakkanneerra jedhan.Damee hundaan oomishuun birmadummaa mirkaneessuu akka ta’e amanuun karoorsuu, hojjechuufi babal’isuutu nurraa eegama jedhan.Biyyi deeggarsa fudhattu biyya birmaduudha ofiin jechuu akka hin dandeenye kaasanii, Itiyoophiyaanonni kadhaan nu gaha hanga hin jennetti hirkattoota jechuun ibsaniiru.Wandimmaagany Tsaggaayeen.#Oromia #Ethiopia