Dameen indaastirii oomishaa wiirtuu birmadummaa keenyaati- Obbo Malaakuu Allabal

Wait 5 sec.

Finfinnee, Ebla 25, 2018(FMC) – Bu’uura yaadama Ida’amuu “dameen indaastirii oomishaa wiirtuu birmadummaa keenyaati” jedhuun hojiileen hojjetaman bu’aa qabatamaa galmeessisaniiru jedhan Ministirri Ministeera Indaastirii obbo Malaakuu Allabal.Ministirri Muummee Dooktar Abiy Ahimad Eksipoo 4ffaa ‘Itiyoophiyaan haa oomishtuu’ eebbisuun ifatti bananiiru.Obbo Malaakuu Allabal wayita kana, Eksipoo kanarratti oomishtoonni 370 fi daawwattoonni kumni 100 fi kumni 50 ol akka hirmaatan akkasumas bittaafi gurgurtaan Birrii biiliyoonni 5 ol ni raawwatama jedhamee akka eegamuu ibsaniiru.Oomishaaleen dhiyaatan heddumminaafi qulqullina kan qaban, sadarkaa kalaqoonni mandhaleen irra gahan kan agarsiisanii fi dandeettii kalaqaa ijoollee isheen Itiyoophiyaan badhaadhina ishee akka mirkaneessitu kan agarsiisan ta’uu eeraniiru.Jijjiiramaan asitti xiyyeeffannoon addaa damee indaastirii oomishaaf kenname qooda damichi birmadummaa diinagdee Itiyoophiyaa mirkaneessuuf keessatti qabu guddisuu ibsaniiru.Itiyoophiyaan humna namaa oomishuu danda’u qabdutti fayyadamtee oomishaalee garaagaraa oomishuun bu’aa qabatamaa agarsiisaa jiraachuu kaasanii, kunis imala badhaadhinaa keenyarraa wanti nu dhaabu akka hin jirre agarsiisa jedhaniiru.Baatiiwwan saglan darbanitti guutuu biyyattiitti Egzibiishiniin 222 qophaa’uun oomishtoonni kumni 17 ol oomishaalee isaanii beeksisuufi bittaafi gurgurtaan Birrii biiliyoona 3.6 ta’u raawwatamuu ibsaniiru.Hayilamaariyaam Taganyiin.#Oromia #Ethiopia