Korporeeshiniin Manneen Federaalaa Sudaan Kibbaattiijaarsa manneenii irratti bobba’uuf waliigale

Wait 5 sec.

Finfinnee, Ebla 26, 2018 (FMC) – Korporeeshiniin Manneen Federaalaa waliigaltee damee ijaarsa manneenii Sudaan kibbaa irratti bobba’uuf isa dandeessisu mallatteesseera.Magaalaa Juubaa keessatti dameewwan misoomaa fi bulchiinsa manneenii irratti waliin hojjechuuf waliigalteen dandeessisu kun, Hoji – raawwachiisaa olaanaa Korporeeshinii Manneen Federaalaa Dooktar Rashaad Kamaal fi Bulchaa Mootummaa Naannoo Ikuwaatooriyaalii Giddu-galeessaa Immaanu’eel Adiliin mallatteeffameera.Doktoor Rashaad Kamaal yeroo kanatti Faanaa Miidiyaa Korporeeshinitti akka himanitti; korporeeshinichi Afiriikaa bahaa fi guutuu ardichaatti damee kanaan sadarkaa geggeessummaa qabachuun galii sharafa alaa argamsiisuuf hojjechaa jira.Hariiroo dheeraa biyyoota lamaan gidduu jiru gara sadarkaa ol’aanaatti ceesisuu keessatti qooda irraa eegamu bahachuuf qophii bal’aa taasisaa turuus dubbataniiru.Haaluma kanaan, pirojektoota faayidaa tarsiimawaa qabanii fi bu’aa qabeessa ta’an irratti xiyyeeffachuun hojjechaa jiraachuus eeraniiru.Imaanu’eel Adilii gama isaaniin, guddinni dinagdee fi babal’inni magaalotaa saffisaan Itiyoophiyaa keessatti galmaa’aa jiran guutuu Afiriikaaf fakkeenya ta’aa dhufuu yaadachiisaniiru.Keessattuu, muuxannoo Itoophiyaan damee misooma manneeniin qabdu korporeeshinicha waliin ta’uun magaalaa Juubaa fi naannichatti hojiirra oolchuuf akka hojjetan mirkaneessaniiru.Milkiyaas Aduunyaatiin#Oromia #Ethiopia