Finfinnee, Onkoloolessa 9, 2018(FMC) – Atileet Salamoon Baaraggaa Walakkaa Maaraatoonii Jaappaan Tookiyootti fiigame injifateera.Atileet Salamoon Baaraggaa dorgommicha xumuruuf sa’aatii 1 fi sekoondii 1 maayikiroo sekoodii 21 itti fudhateera.Dorgommii garee dubartootaan dorgomame ammoo Maskaram Maammoo 3ffaa ba’uun xumurteetti.Dorgommii Maaraatoonii Amestardaam ammoo Atileet Tsaggaayee Geetaachoo sadarkaa lammaffaa qabachuun xumureera.Atileet Tsaggaayeen bara darbe dorgommicha injifachuun ni yaadatama.Atileet Geetaaneh Mollaa sadarkaa 3ffaa qabachuun xumureera. #Oromia #Ethiopia Odeeffannoowwan waqtaawaa dabalataa argachuuf; Teelegiraama t.me/afanoromofana Yuutiyuubii Afaan Oromo: www.youtube.com/@fmcafaanoromoo Marsariitii www.fanamc.com/afaanoromoo Tiwiitara https://twitter.com/fanatelevision Feesbuukii: FMC Afaan Oromoo Tiktok https://www.tiktok.com/@fana_afaan_oromoo Yeroo maraa nu waliin waan taataniif isin galateeffanna.