Sirni awwaalchaa Hajii Muftii Umar Idiriis raawwate

Wait 5 sec.

Finfinnee, Onkololeessa 10, 2018(FMC) – Sirni awwaalchaa Pireezidaantii duraanii Mana Maree Dhimmoota Islaamummaa Itiyoophiyaa Hajii Muftii Umar Idiriis raawwateera.Ulaamoonni, Daraasonni, Ustaazonni,Aanga’oonni Mootummaa, maatii fi hawaasni Musliimaa bal’aan bakka argamanitti akkaataa duudhaa amantichaa hordofeen raawwateera.Hajii Muftii Umar Idiriis bara 2010 hanga bara 2014tti Pireezidaantii Mana Maree Waliigalaa Dhimmoota Islaamummaa Itiyoophiyaa, akkasumas eegaa olaanaa Dhaabbilee Amantaalee Itiyoophiyaa ta’uun tajaajilaniiru.Hajii Muftii Umar Idiriis dhaloota biyya jaalatu horachuu fi aadaa Itiyoophiyaa beeksisuu keessatti nama qooda olaanaa bahataa turaniidha.Geetaasaw Yeshawaastu gabaase.#Oromia #EthiopiaOdeeffannoowwan waqtaawaa dabalataa argachuuf;Teelegiraama t.me/afanoromofanaYuutiyuubii Afaan Oromo: www.youtube.com/@fmcafaanoromooMarsariitii www.fanamc.com/afaanoromooTiwiitara https://twitter.com/fanatelevisionFeesbuukii: FMC Afaan OromooTiktok https://www.tiktok.com/@fana_afaan_oromooYeroo maraa nu waliin waan taataniif isin galateeffanna.