Finfinnee, Onkololeessa 12, 2018 (FMC) – Godina Baalee Bahaatti hojiin kenna tajaajila lammummaa Birrii miiliyoona 900 olitti tilmaamamu hojjetame jedhe godinichi.Hojiileen kunneenis rakkoo qaama miidhamtootaafi harka qalleeyyii fureera jedhame.Aanaalee godinicha hunda keessatti harka qalleeyyiii fi qaama miidhamtootaaf sangoonni, Gaalli, hoolaan fi lukkuu, akkasumas barruuleefi eeleen biddeenaa ammayyaa’oo deeggarsaan kennamaniiru.Manneen jireenyaa haaraa ijaaramuu fi moofaan suphamaniiru.Deeggarsi nuuf taasifame jireenya keenya jijjiiraa jira jedhan Qaama miidhamtoonniifi harka qalleeyyiin godinichaa.Kenni tajaajilaa lammummaa jiruuf jireenya namoota harka qalleeyyii hedduu kan jijjiire ta’uu Bulchaan godina Baalee Bahaa obbo Jaarsoo Boruun himaniiru.Waliigalaan bara kana hojii tajaajila lammummaan namoota harka qalleeyyii ta’aniif deeggarsi miiliyoona 900fi miliyoona 29 olitti tilmaamamu taasiifamuu eeran.Faxxanaa Zawudeetu gabaase.#Oromia #EthiopiaOdeeffannoowwan waqtaawaa dabalataa argachuuf;Teelegiraama t.me/afanoromofanaYuutiyuubii Afaan Oromo: www.youtube.com/@fmcafaanoromooMarsariitii www.fanamc.com/afaanoromooTiwiitara https://twitter.com/fanatelevisionFeesbuukii: FMC Afaan OromooTiktok https://www.tiktok.com/@fana_afaan_oromooYeroo maraa nu waliin waan taataniif isin galateeffanna.