Bu’aaleen jijjiiramaan galmaa’an boqonnaa olka’iinsaa Itiyoophiyaa haaraa kan labsaniidha – Pireezidaanti Taayyee Atsiqasillaasee

Wait 5 sec.

Finfinnee, Fulbaana, 26, 2018 (FMC) – Waggoottan jijjiiramaa darban, bu’aaleen galmaa’an ga’umsa siyaasaa, diinagdee fi tarsiimoo quubsumaa fooyyessuun, olka’iinsaa Itiyoophiyaa haaraa kan labsaniidha jedhan PireezidaantiinFDRI Taayyee Atsiqasillaaseen.Itiyoophiyaan biyya laga abbayyaa fi Galaanaa Diimaa gidduutti argamtuu ta’uu fi egereen biyyattiis bishaan lameen waliin kanwalhidhatu ta’uu dubbatan.Itiyoophiyaan, karaa haqaa hintaanee fi baay’ina ummataa hin giddugaleeffanneen waggoota dheeraaf moggeeffamtee turuu ibsan.Kanaa qajeelchuufis mootummaan ciminaan hojjechaa akka jiru kaasaniiru.Fuuldurattis walta’iinsaa fi walitti hidhamiinsa misoomaa waloo biyyoota naannawichaa giddugaleeffate cimsuuf tattaffiiwwan nagaa qabeessaa fi dippiloomaasummaa ni taasifamu jedhan.Mootummaan ulaagalanaa haqaa qabeessaa fi amansiisaa argachuuf biyyoota ollaa waliin karaa nagaa fi dippiloomaasiin akka hojjetus himan.Hidha haaromsaarratti walta’iinsaa fi wal amataan waloo akka cimuuf biyyoota ya’aa lagichaa waliin ni hojjeta; ni hirmaatas jedhan.Imaammataa alaan qajeeltoo dursa biyyoota ollaaf jedhu hordofu cimsee itti fufa jechuun dubbatan.Nageenya biyyoota ollaa waliin jiru mirkaneessuu, walitti hidhamiinsa bu’uuraalee misoomaa cimsuuf hojiilee hedduun hojjetamuus kaasanii, fuuldurattis dhimmoota walt’iinsa diinagdee cimsan, bu’uuraalee misoomaa diriirsuu, daldallis akka cimuuf ni hojjetama jedhan.Gamaa kanaan mootummaan walta’iisaan eegalee cimsee kan itti fufu, nageeya naannawaa fi waldhabdee naannawichaa jiru gama dippiloomaasiin furuuf kan hojjetamu ta’uu ibsaniiru.Hirmaannaa fi dhaga’amtummaan Itiyoophiyaa, fayyadamummaa ishee akka mirkanaa’uu fi dhimmoota murteessoo addunyaa irratti hirmaanaan ishee akka cimuuf mootummaan xiyyeeffannaan kan hojjetu ta’uu eeran.Waggoota jijjiiramaa darban, mootummaan, qormaata hedduu darbaa, carraaqqii cimaan, bu’aalee hedduu galmeessuu danda’eera kan jedhan Pireezidaanti Taayyeen, bu’aaleen kunneen ga’umsa siyaasaa, diinagdee fi tarsiimoo quubsumaa fooyyessuun, seenaa taajjabdummaa kan xumuru, boqonnaa seenaa haaraa kan banu,olka’iinsa Itiyoophiyaa haaraa kan labsuudha jedhan.Waggoota itti aananis milkaa’inawwan kanneen cimsuun, guddina Itiyoophiyaa gara boqonna duubatti deebi’uu hin dandeenyeetti ceesisuuf, fakkeenyaa Afrikaa akka taatuuf mootummaan cichoominaan ni hojjeta jedhaniiru.Filannoon marsaa 7ffaa gaggeeffamus haqa qabeessa, nagaa qabeessaa, diimokiraatawaa fi Itiyoophiyaanota biratti amanamaa akka ta’uuf mootummaan itti gaafatamummaan kan hojjetu ta’uu kaasaniiru.Tarkaanfii jijjiiramaa biyyaalessaa Itiyoophiyaa kanneenirratti ummanni akka hirmaatuu fi deeggarus waamicha dhiyeessaniiru.#Oromia #EthiopiaOdeeffannoowwan waqtaawaa dabalataa argachuuf;Teelegiraama t.me/afanoromofanaYuutiyuubii Afaan Oromo: www.youtube.com/@fmcafaanoromooMarsariitii www.fanamc.com/afaanoromooTiwiitara https://twitter.com/fanatelevisionFeesbuukii: FMC Afaan OromooTiktok https://www.tiktok.com/@fana_afaan_oromooYeroo maraa nu waliin waan taataniif isin galateeffanna.