Mootummaan bu’uuraalee misooma hawaasummaa fooyyessuuf cimee hojjeta – pirezidaanti Taayyee Atsqasillaase

Wait 5 sec.

Finfinnee, Fulbaan 26, 2018(FMC) – Bara 2018tti mootummaan bu’uuraalee misooma hawaasummaa fooyyeesuuf cimee hojjeta jedhan Pireezidaantiin FDRI Taayyee Atsqasillaasee.Pireezidaanti Taayyeen bara hojii manneen maree lamaanii eegalchiisaniiru.Sirna eegalchiisa hojii manneen maree kana irrattis mootummaan diinagdee biyyaa guddisuuf hojiilee hojjetaman cinatti bu’uuraalee misooma hawaasummaa fooyyessuuf ciminaan hojjechuuf xiyyeeffanoon kennaa jedhan.Barnootni qulqullinni isaa eegame akka walga’uuf manneen barnootaa sadarkaan duraa babal’isuu irraa eegalee daa’imman barnootaaf ga’aan hundi carraa barnootaa akka argataniif kan hojjjetamu ta’uu dubbatan.Barnoota leenjii fi teeknikaanis dhaloota ogummaa horate oomishuun carraa hojii biyya keessaa fi alaa irratti akka hirmaataniif kan hojjetamu ta’a jedhan.Dhaabbilee fayyaa babal’isuu fi tajaajila fayyaa fooyyessuunis hawaasa fayya buleessa horachuuf dhibee dursanii ittisuun cinaatti dhukkuboota wal’aanuuf dhiyeessii meeshaalee wal’aansaa fi qorichaa irratti kan hojjetamu ta’uu ibsaniiru.Haaluma kanaan galteewwan fayyaa biyya keessatti akka oomishamaniif deeggersi ni itti fufiinsa qabu ni kennama jedhan.Tajaajilli dhaabbilee fayya keessatti kennamus teeknooloojiin kan deeggeramee fi si’ataa akka ta’uuf xiyyeeffannaan kan hojjetamu ta’uu ibsanGama biraatiin dhiyeessiin humna ibsaa, daandii fi bishaaniis magaalaa hanga baadiyyaatti xiyyeeffannaan kan kennamuuf ta’uu dubbataniiru.Bu’uuraaleen misoomaa kunniin dinagdee si’eessuu fi jireenya hawaasaa fooyyessuu keessatti ga’een qaban olaanaa akka ta’e hubachiisan.Daa’immanii fi maanguddoonni akkasumas qaama miidhamtoonni dinagdee biyyattii irraa akka fayyadamaniif hojiin isaan giddugaleessa godhatee fi imaammataa fi qajeelfamaan deeggerame kan hojjetamu ta’uu ibsaniiru.Rakkoo manneen jireenyaa lammiilee furuufis tumsa mootummaa fi dhaabbilee dhuunfaan hojiin manneen jireenyaa sadarkaa isaanii eeggatan ijaaruu cimee akka itti fufu eeran.Sadarkaan manneen jireenyaa baadiyyaas akka fooya’uuf mootummaan xiyyeeffannaan kan hojjetu ta’uu himaniiru.Yoonaataan Biraanuutiin#Oromia #EthiopiaOdeeffannoowwan waqtaawaa dabalataa argachuuf;Teelegiraama t.me/afanoromofanaYuutiyuubii Afaan Oromo: www.youtube.com/@fmcafaanoromooMarsariitii www.fanamc.com/afaanoromooTiwiitara https://twitter.com/fanatelevisionFeesbuukii: FMC Afaan OromooTiktok https://www.tiktok.com/@fana_afaan_oromooYeroo maraa nu waliin waan taataniif isin galateeffanna.