Finfinnee, Fulbaana 25, 2018(FMC)- Haalli mijataan uumame Irreechi Hora Harsadee duudhaa isaa eegee bifa miidhagaa fi hawwataa ta’een akka kabajamu gargaare jedhan hirmaattonni.Hojiileen naannawaa Hora Harsadee fi misoomni Koriidarii magaalaa Bishooftuutti hojjetaman Irreechi Harsadee haala miidhagaa fi duudhaa isaa eegeen akka kabajamu shoora olaanaa bahachuu dubbatan.Naannawaa Hara Harsadeetti hojiileen misoomaa hojjetaman raajii fi Irreechaaf naatoo addaa ta’uu ibsan.Irreechi bara kanaa duudhaan tokkummaa, nageenyaa, galateeffannaa, obbolummaa fi walummaa haalaan kan itti mul’ate ta’uu eeran.Bulchiinsa magaalaa Bishooftuu, Magaalaa Finfinnee fi mootummaa Oromiyaa, akkasuma mootummaan Federaalaa hojii hojjetaniif galata olaanaa qabna jedhan.Ayyaanni Irreechaa Harsadeetti mata duree “Irreecha Olka’iinsa Biyyaaf” jedhuun keessummoota hedduu hirmaachisuun haala ho’aa ta’een kabajameera.Siifan Magarsaatu gabaase.#Oromia #EthiopiaOdeeffannoowwan waqtaawaa dabalataa argachuuf;Teelegiraama t.me/afanoromofanaYuutiyuubii Afaan Oromo: www.youtube.com/@fmcafaanoromooMarsariitii www.fanamc.com/afaanoromooTiwiitara https://twitter.com/fanatelevisionFeesbuukii: FMC Afaan OromooTiktok https://www.tiktok.com/@fana_afaan_oromooYeroo maraa nu waliin waan taataniif isin galateeffanna.