Finfinnee, Fulbaana 25,2018 (FMC) – Ayyaanni Irreechaa kan Oromoo ta’uu irra darbee aadaa uummata addunyaa ta’aa jira jedhan kantiibaan magaalaa bidhooftuu obbo Alamaayyoo Asaffaa.Obbo Alamaayyoo Asaffaa kabaja Ayyaana Irreechaa Hora Harsadee ilaalchisee Mmiidiyaaleef ibsa kennaniiru. Irreechi aadaa Oromoo fi ummattoota Itiyoophiyaa qofa osoo hin taane aadaa addunyaa ta’eeera jedhan ibsa isaaniin.Ayyaanichi haala mijatan akka kabajamuuf hojii mootummaan hojjete milkaa’iina olaanaan xumuramuu akka dandeessises eeran.Ardaa jilaawwanii Irreechaa miidhakgsuuf hojiin hojjetames naatoo ayyaanichaa ta’uu ibsan.Irreechi barana kabajame akkaataa yaadameen olka’iinsa biyyaa kan mirkaneessee fi imala badhaadhinaa agarsiise ta’uus kaasan.’Siifan Magarsaatiin#Oromiya #EthiopiaOdeeffannoowwan waqtaawaa dabalataa argachuuf;Teelegiraama t.me/afanoromofanaYuutiyuubii Afaan Oromo: www.youtube.com/@fmcafaanoromoo Marsariitii www.fanamc.com/afaanoromooTiwiitara https://twitter.com/fanatelevision Feesbuukii: FMC Afaan OromooTiktok https://www.tiktok.com/@fana_afaan_oromooYeroo maraa nu waliin waan taataniif isin galateeffanna.