Aadaan sirnaa fi haala uumamurratti hundaa’uun amala jijjiirataa deema malee hin badu – Obbo Boonayyaa Diidoo

Wait 5 sec.

Finfinnee, Guraandhala 25, 2018 (FMC) – Aadaan sirnaa fi haala uumamurratti hundaa’uun amala jijjiirataa deema malee hin badu jedhan Biiroo Aadaa fi Tuurizimii Oromiyatti Dursaan Garee Misooma Sona Aadaa obbo Boonayyaa Diidoon.Muuxannoo biyyoota adda addaa fi qorannoorratti hundaa’uun hojiin haaromsa aadaa hojiirraa oolaa jiraachuu himan obbo Boonayyaa Diidoon.Haaromsi Aadaa beekumsa aadaa misoomsuudha jedhan.Aadaa haaromsuu jechuun aadaa fi duudhaaleen ummataa haala qabatamaa addunyaa waliin akka jijjiiramaa adeemaan taasisuu ta’uu himan.Keessattuu aadaawwan jijjiirama ammaa waliin deemuu hin dandeenye akkaataa jijjiirama si’anaa waliin deemuu danda’utti walsimsiisuu danda’uudha jedhan.Beekumsa xabboo jiru misooma diindageef oolchuu, teeknooloojii waliin walsimsuu, diinagdee ceesisuu keessatti akka gahee isaa bahatuutti haaromsuu ta’uu ibsan.Dhaloonni safuu, duudhaa fi beekumsa xabboo akka beeku qajeelchuudha jedhan.Aadaa boodatti hafaa siyaasa keessa ture bu’uurarraa jijjiiruun, ilaalcha qeenxee fi seenessa qeenxerraa gara seenessaa fi ilaalcha walootti jijjiiruu ta’uu dubbatan.Qabeenyaa fi seenaa jiru walitti qindeessuun biyya waloo ijaaruuf hojii hojjetamaa jiru ta’uu ibsan.Sirna barnoota keessatti barnoonni Safuu fi sirna Gadaa eegalchiisuun, manneen murtii aadaa hojiitti galchuun , jaarsummaan mana murtiitti fudhatama akka qabaatu taasisuun, Buusaa Gonofaa fi Gaachana sirnaa hojii eegalchiisuun haaromsaa aadaan hojiilee hojjetaman keessaa isaan hangafa ta’uu himan obbo Boonayyaan turtii Faanaa Poodkaastii waliin taasisaniin.Haaromsi aadaa Oromiyaa beekumsa oomishuu, diinagdee guddisuu, aadaa ceesisuu, Artii guddisuu fi miidiyaa fi kominikeeshinii ijaaruurratti xiyyeeffachuun hojjetamaa jiraachuu dubbatan.Siifan Magarsaatiin#Oromia #EthiopiaOdeeffannoowwan waqtaawaa dabalataa argachuuf;Teelegiraama t.me/afanoromofanaYuutiyuubii Afaan Oromo: www.youtube.com/@fmcafaanoromooMarsariitii www.fanamc.com/afaanoromooTiwiitara https://twitter.com/fanatelevisionFeesbuukii: FMC Afaan OromooTiktok https://www.tiktok.com/@fana_afaan_oromooYeroo maraa nu waliin waan taataniif isin galateeffanna.