Finfinnee, Guraandhala 26, 2018 (FMC)- Ijaarsi Buufata Konkolaataa Qindaawaa Asallaa % 86 qaqqabeera jedhe Biiroon Daandiiwwanii fi Loojistiksii Oromiyaa.Buufanni Konkolaataa Qindaawaa Asallaa Eebla 2014 ijaarsi isaa eegaluu Hogganaa Itti aanaan Biirichaa fi Itti Gaafatamaan Damee Bu’uuraalee Misooma Geejjibaa fi Loojistiksii Injinar Jaagamaa Dagabaasaan Faanaa Diijitaaliif himaniiru.Buufatichi baasii Birrii Miiliyoona 800 fi miiliyoona 36 fi kuma 600 oliin ijaaramaa jiraachuu Injiinar Jaagamaan himaniiru.Sababni duubatti harkifannaa piroojektichaa rakkoo humna raawwachiisummaa kontiraakteraa, rakkoo iddoo meeshaalee ijaarsaa fi darbee darbee roobni yeroo hin eegganne sababoota ijoo ta’uu kaasaniiru.Wayita ammaa ijaarsi pirojektichaa sadarkaa gaariirraa jiraachuu himuun, baatiiwwan lama keessatti xumuruun tajaajila hawaasaaf olchuuf xiyyeeffannoon hojjetamaa jiraachuu eeraniiru.Haaluma walfakkaatuun Buufanni Konkolaataa Qindaawaa Magaalaa Fiichee fi Buufanni Konkolaataa Qindaawaa Babal’ifannaa Naqamtees pirojeektoota bara kana xumuramaan ta’uu kaasaniiru.Buufataaleen kunneen tajaajiloota kanneen akka Kaafteeriyaa, Mana Qorichaa, Baankii, Suuqiiwwan, Buufata boba’aa fi tajaajiloota biroo kan of keessaatti hammatan ta’uu Injiinar Jaagamaan ibsaniru.Tsahaay Gulummaatiin.#Oromia #EthiopiaOdeeffannoowwan waqtaawaa dabalataa argachuuf;Teelegiraama t.me/afanoromofanaYuutiyuubii Afaan Oromo: www.youtube.com/@fmcafaanoromooMarsariitii www.fanamc.com/afaanoromooTiwiitara https://twitter.com/fanatelevisionFeesbuukii: FMC Afaan OromooTiktok https://www.tiktok.com/@fana_afaan_oromooYeroo maraa nu waliin waan taataniif isin galateeffanna.