Tajaajilli Nageenya Odeeffannoo Biyyaalessaa Pilaatfoormii kominikeeshinii ifoomse

Wait 5 sec.

Finfinnee, Guraandhala 25, 2018 (FMC) – Tajaajilli Nageenya Odeeffannoo Biyyaalessaa Pilaatfoormii kominikeeshinii hawaasarraa odeeffannoo ittiin fudhatuufi tajaajila garaagaraa kennu ifoomseera.Tajaajilichi pilaatfoormii koominikeeshinii weebsaayitii idilee irraa adda ta’e misoomsuu Faanaa Miidiyaa Korporeeshiniif ibseera.Pilaatfoormichi kutaa eeruu lammiileen dhimmoota nageenyaafi tasgabbiin walqabatan bakka kamiyyuu taa’anii kennuuf isaan dandeessisu qabaachuu ibseera.Dhimmoota nageenyaa ilaalchisee odeeffannoowwan nageenyaa waqtaawaa kan qoodu ta’uus eereera.Pilaatfoormiin kun saaxilamummaa yaaddoo biyyattii kutaalee garaagaraatti mudatan ilaalchisee odeeffannoowwan of eeggannoon kan kennu ta’uus ibseera.Hawaasnis ta’e lammiileen biyya alaa odeeffannoo kana fayyadamuun sosochii naannawaa kamittiyyuu taasisan waliin walqabatee of eeggannoo akka godhan deeggaruu keessatti qooda olaanaa qaba jedhe.Pilaatfoormiin kun riifoormii Tajaajilichi taasisaa jiruun qaama tattaaffii teeknooloojii mandhalee misoomsuun dhaabbata dandeettii raawwachiisummaa olaanaa qabu ijaaruuf taasifamuu ta’uus eereera.Lammiileenis odeeffannoowwan qabatamaa amanamummaa qaban qooduun ajandaalee nageenya biyyaalessaa Itiyoophiyaa milkeessuuf qooda isaanii akka bahatan waamicha dhiyeesseera.Pilaatifoormichaaf Bulchiinsa Nageenya Odeeffannoon sakatta’iinsi saaxilamummaa nageenyaa taasifamuufiin waraqaan mirkaneessa ragaa kennamuufii tajaajilichi ibseera.#Oromia #EthiopiaOdeeffannoowwan waqtaawaa dabalataa argachuuf;Teelegiraama t.me/afanoromofanaYuutiyuubii Afaan Oromo: www.youtube.com/@fmcafaanoromooMarsariitii www.fanamc.com/afaanoromooTiwiitara https://twitter.com/fanatelevisionFeesbuukii: FMC Afaan OromooTiktok https://www.tiktok.com/@fana_afaan_oromooYeroo maraa nu waliin waan taataniif isin galateeffanna.