Finfinnee, Guraandhala 25, 2018 (FMC) – Obboloota keenya musiliimaa harka qalleeyyii ta’an waliin ibisituu waloomaa kan taate Paarkii Araadaatti sagantaa Afxiraa gaggeessineerra jedhan Kantiibaan magaalaa Finfinnee Adaanech Abeebeen.Aadde Adaanech Abeebeen ergaa miidiyaa hawaasummaa isaaniin dabarsaniin, sagantaan Afxiraa lammiilee harka qalleeyyii waliin taasifamu kutaalee magaalaa hunda keessatti bal’inaan gaggeeffamaa jiraachuus eeraniiru.Hojii magaalaa keenya fakkeenya waliif yaaduu, wal deeggaruufi walgargaaruu gochuu cimee itti fufa jedhaniiru.#Oromia #EthiopiaOdeeffannoowwan waqtaawaa dabalataa argachuuf;Teelegiraama t.me/afanoromofanaYuutiyuubii Afaan Oromo: www.youtube.com/@fmcafaanoromooMarsariitii www.fanamc.com/afaanoromooTiwiitara https://twitter.com/fanatelevisionFeesbuukii: FMC Afaan OromooTiktok https://www.tiktok.com/@fana_afaan_oromooYeroo maraa nu waliin waan taataniif isin galateeffanna.