Finfinnee, Guraandhala 25, 2018 (FMC) – Hojjettootaa fi nama dhuunfaa Birrii miiliyoona 100 fi miiliyoona 20 ol mootummaan argachuuf qabu dhabsiisanirratti himanni banameera.Ministeera Haqaatti Abbaan Alangaa Daayrektoreetii dhimmoota Malaammaltummaa Mana Murtii Olaanaa Federaalaa dhimmoota yakka malaammaltummaa Lidataa dhaddacha ramaddii 5ffaatti shakkamtoota kanneenirratti himannaa banameera.Haaluma kanaan 1ffaa, hojjetaa Buufata To’annaa Gumrukaa Damee Daawalee kan ta’an Amaanoo Magarsaa Galgaloo, 2ffaa Abinnat Dammis Ayyanew fi 3ffaa hojii dhuunfaan kan bulu Addisuu Girmaan shakkamtoota yakkichaan himatamaniidha.Hojjettoonni lamaan nama dhuunfaa kana waliin hidhata uumuun meeshaalee garagaraa qaraxaa fi taaksii malee alaa galchuun faayidaa hin malle argachuuf jecha galii mootummaan argachuuf qabu Birrii miiliyoona 100 fi miiliyoona 25 dhabsiisuun himatamaniiru.Taarik Addunyaatu#Oromia #EthiopiaOdeeffannoowwan waqtaawaa dabalataa argachuuf;Teelegiraama t.me/afanoromofanaYuutiyuubii Afaan Oromo: www.youtube.com/@fmcafaanoromooMarsariitii www.fanamc.com/afaanoromooTiwiitara https://twitter.com/fanatelevisionFeesbuukii: FMC Afaan OromooTiktok https://www.tiktok.com/@fana_afaan_oromooYeroo maraa nu waliin waan taataniif isin galateeffanna.