Finfinnee, Bitootessa 7, 2018 (FMC)- Pirezidaantiin Raashiyaa Viilaadmiir Puutiin lammiilee Naannoo Kibbaa Itiyoophiyaa Godina Gaamoo aanaalee garaagaraatti sababa sigiga lafaan lubbuun isaanii darbeef gadda isaanitti dhagahame ibsaniiru.Pirezidaantichi gaddaa isaanii Pirezidaantii FDRI Taayyee Atsiqasillaasee fi Ministira Muummee Dooktar Abiy Ahimadiif ibsaniiru.Pirezidaanti Viilaadmiir Puutiin ibsa isaaniin, maatiifi firoottan lammiilee balaa sigiga lafaan lubbuun isaanii darbeef jajjabina hawwaniiru.Itiyoophiyaanonni balaa Kanaan miidhaman ariitiin akka bayyanatanis hawwaniiru.Balaa Kanaan hanga guyyaa kaleessaatti lubbuun namoota 81 darbuu ragaan Godinicharraa argame ni mul’isa.#Oromia #EthiopiaOdeeffannoowwan waqtaawaa dabalataa argachuuf;Teelegiraama t.me/afanoromofanaYuutiyuubii Afaan Oromo: www.youtube.com/@fmcafaanoromooMarsariitii www.fanamc.com/afaanoromooTiwiitara https://twitter.com/fanatelevisionFeesbuukii: FMC Afaan OromooTiktok https://www.tiktok.com/@fana_afaan_oromooYeroo maraa nu waliin waan taataniif isin galateeffanna.