Finfinnee, Bitootessa 7, 2018 (FMC) – Itiyoophiyaa fi Xaaliyaaniin tumsa fayyadamummaa waloorratti hundaa’e caalmaatti cimsuuf mari’ataniiru.Ministirri Ministeera Maallaqaa obbo Ahimad Shiideen Ministira Dhimma Alaa fi Ittaanaa Tumsa Idil Addunyaa Xaaliyaanii Eedmoondoo Chiireelii waliin mari’ataniiru.Qaamoleen lamaan tumsa diinagdee, misoomaa, Invastimantii damee dhuunfaa, nageenya naannawaa fi tumsa bara dheeraa qaban akkaataa caalmaatti cimsuun danda’amurratti mari’ataniiru.Obbo Ahimad Shiideen, adeemsa fooyyessa diinagdee gooroo, diinagdee tasgabbeessuu fi naannawaa Invastimantii fooyyessuuf hojiilee hojjetaman ilaalchisee ibsa taasisaniiru.Deeggarsa Xaaliyaaniin dameewwan adda addaan Itiyoophiyaaf taasiiftu galateeffataniiru.Eedmoondoo Chiireeliin gama isaaniin, ejjennoo Itiyoophiyaan guddina diinagdee cimaa mirkaneessuuf fudhattee fi naannawaa gaanfa Afrikaatti nageenya waaressuuf gumaacha taasisaa jiru dinqisiifataniiru.Xaaliyaaniin damee diinagdee Itiyoophiyaa tumsuuf murannoo olaanaa qabaachuu mirkaneessan.Xaaliyaaniin abbootiin qabeenyaa biyyattii diinagdee Itiyoophiyaa keessatti hirmaannaa isaanii caalmaatti guddisanii akka itti fufan kan hojjettu ta’uu dubbachuu Ministeerichi Faanaa Dijitaaliif ibseera.#Oromia #EthiopiaOdeeffannoowwan waqtaawaa dabalataa argachuuf;Teelegiraama t.me/afanoromofanaYuutiyuubii Afaan Oromo: www.youtube.com/@fmcafaanoromooMarsariitii www.fanamc.com/afaanoromooTiwiitara https://twitter.com/fanatelevisionFeesbuukii: FMC Afaan OromooTiktok https://www.tiktok.com/@fana_afaan_oromooYeroo maraa nu waliin waan taataniif isin galateeffanna.