Finfinnee, Bitootessa 11, 2018 (FMC) – Sirni Solaataa Ayyaana Iid Al Faxir waggaa kuma 1 fi 447ffaan Magaalaa Finfinneetti gaggeeffame milkiin xumurame jedhe Qajeelchi Poolisii Magaalichaa.Ayyaanichi Solaataa fi sirnoota garaagaraan dabaalamee bakka hordoftoonni amantichaa argamanitti akkaataa duudhaa isaa eegeen milkiin kabajamuu ibse.Qajeelchichi Mana Maree Waliigalaa Dhimmoota Islaamummaa Itiyoophiyaa fi Mana Maree Olaanaa Magaalaa Finfinnee waliin hojii qindoomina qaba hojjechuu ibse.Hordoftoonni amantichaa fi qaamoleen dhimmi ilaallatu hundi milkaa’ina sagantichaaf gumaacha taasisaniif galateeffateera.Jiraatoonni magaalichaa nageenyaa fi tasgabbii mirkaneessuu, akkasumas sagantaaleen garaagaraa magaalichatti gaggeeffamu milkeessuu keessatti qooda olaanaa bahachaa jiran ammas cimsanii akka itti fufan gaafateera.#Oromia #Ethiopia