Finfinnee, Bitootessa 7, 2018 (FMC) – Magaalaa Finfinneetti eegumsa naannoo tuurizimii wajjiin walitti hidhuun hojiin fakkeenya ta’u hojjetameera jedhan Bakka Bu’oonni Komishinii Yaa’a Laga Zaambeezii.Bakka Bu’oonni kunneen wayita misooma qarqara lagaa magaalichaa daawwatan akka jedhanitti, qarqara laggeenii magaalichaa misoomsuun gara iddoo bashannanaa uummataa fi miidhagina magaalaa akka ta’uuf hojii hojjetame dinqisiifataniiru.Barreessaa Olaanaan Komishinichaa Feeliiksi Moosii Nigaamlaagoosiin akka jedhanitti, magaalonni Afrikaa hawwatoo fi iddoo ga’umsa tuurizimii gochuu keessatti Finfinneen fakkeenyummaan kaati jedhan.Zimbaabweerraa kan dhufan Chiitoo Fiiriin gama isaaniin, Finfinneetti paarkiiwwan uummanni itti bashannanu bal’inaan ijaaruun hojiin hojjetamaa jiru kan dinqisiifatamuu fi jiraattotaafi daawwattootaaf naannawaa mijataa uumuu dubbatan.Moozaambiik irraa kan dhufan Maanu’eel Chaaguuloon ammoo waggoota 15 dura Itiyoophiyaa daawwatanii akka turan; yeroo ammaa Finfinneen jijjiiramaafi guddina dinqisiisaa galmeessisaa jiraachuu ibsan.Itiyoophiyaan misooma magariisaan jijjiirama qabatamaa muuxannoon irraa fudhatamu fiduu ibsuusaanii ENA’n gabaaseera.#Oromia #EthiopiaOdeeffannoowwan waqtaawaa dabalataa argachuuf;Teelegiraama t.me/afanoromofanaYuutiyuubii Afaan Oromo: www.youtube.com/@fmcafaanoromooMarsariitii www.fanamc.com/afaanoromooTiwiitara https://twitter.com/fanatelevisionFeesbuukii: FMC Afaan OromooTiktok https://www.tiktok.com/@fana_afaan_oromooYeroo maraa nu waliin waan taataniif isin galateeffanna.