Finfinnee, Bitootessa 11, 2018 (FMC) – Raayyaa Ittisa Biyyaatti Ajajni Giddu Gala Daalol, namoota godina Gaamoo aanaalee garaa garaa keessatti balaa sigiga lafaa mudateen miidhamaniif gargaarsa midhaan nyaataa kutaala 100 kenneera.Itti gaafatamaan Ijaarsa Xiinsammu Raayyaa ajajichaa, Koloneel Lachiisaa Magarsaa akka jedhanitti, balaan lammiilee Godina Gaamoo irra ga’e miseensotaa fi hoggansa ajajichaa garmalee gaddisiiseera.Ajajichi deeggarsa ariifataa lammiilee miidhamaniif akka ooluuf, oomisha qonnaa ajajichaa irraa boqqoolloo kuntaala 100 gumaachuu isaa ibsaniiru. Gara fuulduraattis lammiilee miidhaman dhaabbataan deebisanii dhaabuu fi gara jireenya idilee isaaniitti deebisuuf carraaqqii taasifamu keessatti ajajichi deeggarsa barbaachisu akka kennu eeraniiru.Haaluma walfakkaatuun, hojjettoonni fi hoggansi Qajeelcha Dhimma Dubartootaa fi Hawaasummaa Godina Gaamoo, qarshii callaa kuma 100 fi kuma 26 fi 500 fi uffataa fi meeshaalee ijaarsa manaa tilmaama qarshii kuma 200 fi kuma 55 baasan deeggarsaan kennaniiru. Akkasumas, hoggantootni fi hojjettoonni Qajeelcha Hojii fi Ogummaa Godinichaa qarshii kuma 61 fi 400 fi uffataa fi meeshaalee biroo tilmaama qarshii kuma 30 baasan gumaachaniiru.Deeggarsa Ajaja Wiirtuu Daalolii fi qaamolee garaa garaa irraa dhiyaate kan fuudhan Bulchaan Godina Gaamoo, Dooktar Damis Admaasuu, miseensonni fi hoggansi ajajichaa miidhamtoota jajjabeessuuf qabatamaan deggersa fidaniif galateeffataniiru.Godinichatti aanaa Gaachoo Baabbaa fi aanaalee biroo keessatti balaa mudateen lammiileen hedduun miidhamuu ibsuun; lammiilee miidhaman deebisanii dhaabuuf deeggarsi gama hundaan taasifamaa jiru faayidaa guddaa waan qabuuf akka cimu waamicha dhiyeessuu isaanii ENA’n gabaaseera.#Oromia #Ethiopia