Finfinnee, Bitootessa 7, 2018 (FMC) – Ka’umsi milkaa’inaa fedhii fi cichoomina jedhan dubartootni Kutaa Magaalaa Sulultaa hojii oomisha aannaniirratti bobba’an.Aadde Shankooree Gizaa fi Masarat Ayyaaneen jiraattoota Kutaa Magaalaa Sulultaa Aanaa Abbaa Gadaa oomisha aannaniin irratti bobba’uun hojjechaa jiraniidha.Aadde Shankooreen bara 2012 raada tokko liqiin bitachuun hojii oomisha aannanii eegaluu himu.Yeroo sanatti elmuus ta’ee nyaata dhiyeessuu fi kunuunsuun daran ulfaataa akka ture dubbatu.Haa ta’uutii fedhii fi murannoon hojjechuun qoramaata hunda injifachuun yeroo ammaa saawwan aannanii 13 horachuu danda’eera jedhan.Guyyaatti aannan liitira 3 gabaaf dhiyeessurraa gara liitira 70 – 100 dhiyeessuutti guddachuus eeraniiru.Hojiin aannan oomishuu dadhabbii guddaa qabaatus cichoominaan hojjechuun jireenya ulfaataa keessaa badhaadhinatti ce’uu danda’eera jechuun ibsan.Dhamaatii fi dadhabbii hedduu qabaatus bu’aan argamu caalmaatti akkan cimuuf hamilee naaf ta’eera jedhan.Aadde Masarat Ayyaaneenis saawwan muraasan hojii oomisha aannanii eegaluu dubbatu.Saawwan kanneen gara sanyii fooyya’aatti jijjiiraa fi baay’isuun bu’aa gaarii argachaa jiraachuu ibsan.Aannan qulqulluu oomishuun gabaaf dhiyeessuun galii gaarii argachaan jira jedhan aadde Masarat.Yeroo ammaa aannan liitira 80 – 90 guyyaan gabaaf dhiyeessaa jiru.Bu’aan dhamaatii fi ifaajjiin argamu kan caaluuf na onnachiisa jedhan.Qormaanni kamiiyyuu na mudatus abdii hin muradhu, cichoominaan ce’uuf caalmaatti akkan tattaafadhu na xiiqessa, kanaanis milkaa’eera jedhan.Gorsaa fi deeggarsa ogeeyyii beelladaa hojiirra oolchuun dhamaatiin isaanii firii buusee amma gara Invastimantii qonnaatti ce’uuf adeemsarra jiraachuu dubbatan dubartoonni kunneen.Haa ta’uutii gatiin nyaata beeddalaa daran ol ka’uu fi gatiin aannanii ammoo gadi bu’uun hanga dhamaatii isaanii akka hin milkoofne qormaata ta’uu dubbatan.Kutaan magaalichaa Inisheetiivii Aannaniirratti xiyyeeffannoo addaan hojjechaa jiraachuu kan himan, Itti Gaafatamaan Waajjira Qonnaa Kutaa Magaalaa Sulultaa obbo Girmaa Tolasaan, yeroo ammaa guyyaan aannan liitirri kumni 100 fi kumni 5 gabaaf dhiyaachaa akka jiru dubbataniiru.Keessattuu saawwan sanyii fooyya’oo oomisha olaanaa kennan baay’inaan dhiyeessuu fi horachuurratti bifa addaan hojjetamaa jira jedhan.Qulqullina oomisha aannanii fi eegumsa beelladaarratti nama dhuunfaa hanga waldaaleetti deeggarsi itti fufiinsa qaba kennamaa jiraachuu kaasan.Rakkoo gatii aannanii fi dhiyeessii nyaata beelladaa mul’atu furuuf warshaa aannanii kurfeessuu fi nyaata beelladaa oomishu ijaaramaa akka jiru ibsan.Magaalicha geddugala oomishaa gochuun danda’ameera jedhan obbo Girmaan.Hojiin walitti hidhamiinsa gabaa uumuu qaama dhimmi ilaallatu waliin hojjetamaa akka jirus kaasaniiru.Siifan Magarsaatiin#Oromia #EthiopiaOdeeffannoowwan waqtaawaa dabalataa argachuuf;Teelegiraama t.me/afanoromofanaYuutiyuubii Afaan Oromo: www.youtube.com/@fmcafaanoromooMarsariitii www.fanamc.com/afaanoromooTiwiitara https://twitter.com/fanatelevisionFeesbuukii: FMC Afaan OromooTiktok https://www.tiktok.com/@fana_afaan_oromooYeroo maraa nu waliin waan taataniif isin galateeffanna.