Maanchister Siitii moo Arsienaal? Tapha Xumuraa Hawwiin Eegamu

Wait 5 sec.

Finfinnee, Bitootessa 13, 2018 (FMC) – Taphni xumuraa Waancaa Kaaraabaa’oo Ingilaand galgala har’aa Istaadiyeemii Weembileetti Maanchister Siitii fi Arsinaal gidduutti ni taphatama.Kilabootni lamaan waancaa jalqabaabara dorgommiichaa injifachuuf morkiin geggeessan hawwii guddaan eegamaa jira.Maanchister Siitiin Waancaa Kaaraabaa’oo Ingilaand yeroo 8 kan injifate yoo ta’u, Arsenaal ammoo yeroo 2 qofa shaampiyoonaa ta’uu danda’eera.waancaa afur injifachuuf falmaa kan jiru Arsenaal, bara dorgommii kanaatti waancaa isaa jalqabaa fi seenaa isaa keessatti ammoo waancaa Kaaraabaa’oo 3ffaa argachuuf Maanchister Siitii irraa qormaanni cimaan isa eeggata.Tapha mo’anii darbuu Liigii Shaampiyoonsi Awurooppaa 16’n keessatti Riyaal Maadriidiin mo’amee dorgommichaan ala kan ta’e Maanchister Siitiin galgala har’aa waancaa Kaaraabaaoo 9ffaa injifachuuf ni falmata.Arsenaalonni bara 1992/93 yeroo xumuraaf erga waancaa kana injifatanii asi, ramaddii kanaan yeroo 3 xumuraaf yoo gahanis waancaa argachuu hin dandeenye.Seenaa tapha kaaraabaa’oo keessatti Liivarpuul Yeroo 10, Maanchister Siitiin Yeroo 8, Maanchister Yuunaayitid Yeroo 6, Cheelsii fi Aston Viillaan Yeroo 5 injifataniiru.Taphni Maanchister siitii fi Arsenaal gidduutti geggeeffamu kun galgala har’aa sa’aatii 1:30 irraa eegalee Istaadiyeemii Weembileetti taphatama.Wandimaagganyi Tsaggaayeen#Oromia #Ethiopia