Akeekkachiisa Sa’aatii 48 Pirezidaant Tiraamp Iraaniif Kennan

Wait 5 sec.

Finfinnee, Bitootessa 13, 2018 (FMC) – Pirezidaantiin Ameerikaa Doonaald Tiraamp, Iraan yoo sa’aatii 48 keessatti Ulaa Hormuz lammata hin bantu ta’e, wiirtuulee humna annisaa biyyattii akka barbadeessan akeekkachiisan.Iraan gama isheetiin, weerara irratti raawwatamuuf wiirtuulee annisaa naannichatti argamaniin fi Ameerikaa waliin hariiroo qaban irratti tarkaanfii haalloo ba’iinsaa gahaa akka fudhattu beeksisteetti.Waraanni Giddu-gala Bahaa torbanoota afur lakkoofsise kun, sadarkaa addunyaatti raafama dinagdee fi hawaasummaa guddaa qaqqabsiisaa jira. Keessattuu, waraana kana hordofee aan sararri dabarshaa boba’aa murteessaa ta’e ulaan Hormuz Iraaniin cufamuun isaa rakkoo jiru caalaatti hammeesseera.Kanaan walqabatee gatiin boba’aa haala kanaan dura hin mul’anneen ol ka’ee kan jiru yoo ta’u, kunis dinagdee biyyoota hedduu qorumsa cimaa keessa galcheera.Pirezidaant Tiraamp karaa miidiyaa hawaasummaa isaaniitiin dhaamsa dabarsaniin, Iraan yoo sa’aatii 48 keessatti balbalicha guutummaatti hin bantu ta’e, haleellaa hamaan akka ishee eeggatu akeekkachiisaniiru.Haaluma kanaan, Teehraan hanga Bitootessa 23 walakkaa halkanitti sararicha hin bantu taanaan, Ameerikaan wiirtuulee humna annisaa biyyattii irratti haleellaa raawwachuun guutummaatti akka barbadeessitu dhaadataniiru.Iraan akeekkachiisa pirezidaantichaaf deebii kenniteen, haleellaa wiirtuulee boba’aa Teehraan irratti raawwatamu kamiyyuuf tarkaanfii haallo ba’iinsaa wal-madaalu akka fudhattu doorsisteetti.Akka gabaasa BBC-tti, Ameerikaan haleellaa kana kan raawwattu yoo ta’e, Iraan bu’uuraalee misoomaa humnaa, teeknoolojii fi kanneen biroo Washinton naannicharraa qabdu irratti akka xiyyeeffattu akeekkachiifteetti.Gama biraatiin, waraanni Giddu-gala Bahaa keessatti gaggeeffamaa jiru naannichatti rakkoo hawaasummaa guddaa qaqqabsiisaa jira. Waraana kanaan kanneen lubbuun darban malee, namoonni manni jireenyaa isaanii jalaa barbadaa’e rakkoo hammaataa keessa galuu isaanii gabaasichi ibseera.#Oromia #Ethiopia