Finfinnee, Bitootessa 14, 2018(FMC)- Mootummaan imala ijaarsa sirna dimokirasii hirmaachisaa, haqa qabeessaafi obbolummaa irratti hundaa’e galmaan ga’uuf kutannoon hojjechaa jira jedhan Hogganaan Biiroo Kominikeeshinii Oromiyaa obbo Hayiluu Addunyaan.Waltajjiin marii Gumii Balal Marsaa 50ffaan mata duree “Ijaarsa sirna dimokirasii keessatti ga’ee 50+” jedhuun geggeeffamaa jira.Obbo Hayiluu Addunyaan haasawa waltajjicharratti taasisaniin, ijaarsi biyyaa galma guddaa hojmanee guyyaa guyyaan xiyyeeffatamee irratti hojjetamu ta’uu ibsan.Egereen biyya cimtuufi mootummaa jabaan ittiin ijaaramus sirna diriirsuudhaan dhaabbilee ciccimoo biyyaaf utubaa ta’an ijaaruu kan gaafatu ta’uu himaniiru.Ijaarsi kunis injifannoo siyaasaa, hawaasummaafi dinagdee galmeessuu bira darbee walamantaa bu’uura cimaa qabu, eenyummaa waloofi egeree amansiisaa bu’uuressuu irratti kan xiyyeeffate, dantaa biyyaa tiksuu, kabaja lammilee mirkaneessuufi sirna jabaa dimokirasii irratti bu’uureffamuun eeyyentaa uummataan masakame ijaaruu irratti kan hundaa’e ta’uu dubbataniiru.Itiyoophiyaattis galma kana dhugoomsuuf mootummaan imala ijaarsa sirna dimokirasii hirmaachisaa, haqa qabeessaafi obbolummaarratti hundaa’e galmaan ga’uuf kutannoon hojjechaa jiraachuu kaasaniiru.Akka mootummaatti ejjennoon jiru dhaabbilee sirna dimokiraasii bu’uuressan ijaaruun biyya hundaaf taatu, hundas qixa tajaajiltuufi hunda fakkaattu ijaaruu akka ta’e ibsuu isaanii ragaan BKO irraa argame ni mul’isa.Imala ijaarsa sirna dimokirasii eegalames sadarkaa olaanaatti ceesisuuf lammilee hundarraa gumaachi olaanaan kan eegamu ta’uu hubachiisaniiru.#Oromia #Ethiopia