Finfinnee, Bitootessa 12, 2018 (FMC)- Riifoormiin damee Albuudaa irratti taasifame galiin damicharraa argamu sadarkaa olaanaan akka dabalu taasiseera jedhe Abbaan Taayitaa Misooma Albuudaa Oromiyaa.Naannichi qabeenya Albuudaa dilbii qabaatus xiyyeeffannoo dhabuu fi beekumsii fi muuxannoon jirus gadi aanaa ta’uu irraa kan ka’e akka naannoottis ta’e akka biyyaatti faayidaan damicha irraa argamu daran gadi aanaa ture.Jijjiiramaan booda, Albuudni dameewwan utubaa dinadgee Gooroo shanan adda bahuun xiyyeeffannoo addaa argatan keessaa tokko ta’e.Seeronni, labsiiwwaniifi dambiiwwan garaagaraa bocamaniifi rifoormiiwwan gaggeeffamanii hojiirra ooluu hordofee misooma Albuudaa irraa galiin argamu sadarkaa olaanaan akka dabalu ta’eera jedhan Daayrektarri Olaanaa Abbaa Taayitichaa Dooktar Namarraa Gabayyoon.Damichi sharafa alaa, Carraa hojii bal’aa uumuu, galtee oomishaalee adda addaa alaa galan biyya keessatti bakka buusuun jijjiirama abdachiisaa yeroo gabaabaa keessatti argamsiiseera.Naannoo Oromiyaatti albuudni gosa garaagaraa faca’anii kan argaman ta’uufi, Albuudoota diinagdummaan isaanii mirkanaa’e irratti qaamoleen garagaraa eeyyama oomishaa fudhatanii hojjechaa jiraachuu himaniiru.Haaluma kanaan waggoottan shanan darbanitti, hojii adda baafannaa qabeenya Albuuda taasifameen naannichi qabeenya Albuudaatiin kan badhaadhe ta’uu kan mirkaa’eefi Albuudotni qaalii hedduun guutuu naannichaatti faca’ee kan argamu ta’uu eeraniiru.Alseerummaa fi teeknooloojii yeroon barbaadu fayyadamuu dhabuutiin sonni osoo itti hin dabaalamiin dheedhiin isaa biyyoota garaagaraatti akka ergamu taasifamuun faayidaan damicharraa argamaa ture hanga barbaadamu akka hin turre Dooktar Namarraan kaasaniiru.Jijjiramaan booda rifoormii taasifameen damicha irraa bu’aa abdachiisaan argamuu eeruu isaanii ragaan BKO irra argame ni mul’isa.#Oromia #Ethiopia