Finfinnee, Bitootessa 10, 2018( FMC)- Qormaata biyyaalessaa kutaa 12ffaa guutummaatti gara oonlaayiniitti ceesisuufi sirna madaallii nageenyummaan isaa eegame, haqa qabeessaafi amanamaa ta’e ijaaruuf hundi qooda isaa bahachuu qaba jedhan.Obbo Tamasgeen Xurunaan ergaa miidiyaa hawaasummaa isaanii dabarsaniin, Guyyaa har’aa Pirezidaantota naannolee, kantiibota bulchiinsa magaalotaa, hoggantoota damee barnootaafi qaamolee qooda fudhattoota waliin sirna madaallii qormaata diijitaalaa biyyaalessaa Itiyoophiyaafi ijaarsa manneen barnootaa sadarkaa 1ffaan duraa irratti karaa oonlaayinii mari’achuu ibsaniiru.Marichaan adeemsa hojii koreen qormaataa biyyaalessaa hojiilee qophiin duraa irratti hojjete gamaaggamneerra jedhan.Qormaata biyyaalessaa kutaa 12ffaa guutummaatti gara oonlaayiniitti ceesisuufi sirna madaallii nageenyummaan isaa eegame, haqa qabeessaafi amanamaa ta’e ijaaruuf hundi qooda isaa bahachuu akka qabu hubachiisaniiru.Tarsiimoo Diijitaal Itiyoophiyaa 2030’n damee barnootaa teeknooloojiin deeggaruuf dhimmoota ijoo kaa’aman keessaa tokko sirna barnootaafi madaallii nageenyummaan isaa eegameefi teeknooloojii diijitaalaan deeggarame diriirsuu akka ta’e eeraniiru.Kunis sirna qormaataa waliin gahiinsa qabu, haqa qabeessaafi si’ataa lafa qabsiisuun barattoota egeree madaalan horachuuf qooda olaanaa akka bahatu ibsaniiru.Naannolee hundaafi bulchiinsota magaalaa lameenitti sadarkaa walfakkaataan manneen barnootaa sadarkaa 1ffaan duraa kumni 1 fi 452 hanga baatii Adoolessaatti xumuramuun gara hojiitti akka seenaniif waliigalteerra geenyeerras jedhan.Dabalataan kitaabileen barnootaa barattoota sadarkaa 1ffaaf tajaajilan manneen barnootaaf akka raabsaman akkasumas kitaabileen sadarkaa 1ffaan duraa irraa eegalee hanga kutaa jahaffaatiif tajaajilan hanga Fulbaanaatti maxxanfamuun manneen barnootaaf akka raabsaman kallattii keenyeerra jedhan.#Oromia #Ethiopia