Inisheetiiviiwwan qonna magaalaa kutaa Magaalaa Sulultaatti…

Wait 5 sec.

Finfinnee, Bitootessa 9, 2018(FMC) – Kutaa Magaalaa Sulultaatti Inisheetiiviiwwan Horsiisa loon Aannanii, Lukkuu fi Fordisa Looniin milkaa’inni gaariin argamaa jira.Kutaa magaalichatti Inisheetiiviiwwan kunneen hojii dhabeeyyii hedduuf carraa hojii uumaniiru.Akkasuma magaalicha giddugala oomishaa taasisaniiru.Ogummaa yaala Fayyaan dhaabbilee mootummaa fi miti mootummaa adda addaa keessa tajaajilaa turuun erga hojicha dhaabee hojii dhabaa kan turan Taammiraat Addunyaan dargaggoota Inisheetiivii misooma beelladaan carraa argatan keessaa isa tokkodha.Obbo Taammiraati waggaa lamaan baranaa liqaa argataniin hojii loon aannanii horsiisu eegalan.Yeroo gara yerootti Loon sanyii fooyya’oo oomisha olaanaa kennuu danda’an baay’isaa akka jiran dubbatan.Bu’aan argamaa jirus daran abdachiisaadha jedhan.Ammaaf maallaqa argame liqaa deebisaa jiraatanus hojichi baay’ee bu’aa qabeessa ta’uu arguu dubbatan.Qonni damee diinagdee gita hin qabne, bu’aa qabeessaa fi giddina diinagdee biyyaaf gumaacha olaanaa qabuudha jedhan.Hojicha caalmaatti babal’isuun gara Indaastiirii qonnaatti guddisuuf karoora qabatanii hojjechaa jiraachuu kaasan.Amma oomishni aannanii daran guddachaa jira, garuu daldalli seeraan alaa danqaa olaanaa ta’uu dubbatan.Aannan qulqullina olaanaa qabu oomishuun gabaaf dhiyeessaniis gatiin isaa gadi aanaa ta’uu ibsan.Gidduseentummaan faddaltoota seeraan alaa, hanqinni walitti hidhamiinsa gabaa fi rakkoon dhiyeessii nyaata beelladaa yoo furame ofirra dabarree biyyaaf ta’uu dandeenya jedhan.Aannan qulqulluu sadarkaa isaa eeggate kan baasii guddaan alaa galu caalu oomishuurratti argamna jedhan.Fayyadamummaa hawaasaa mirkaneessuuf qonnaan bulaan bartee kanaan duraa keessaa bahuun qulqullinaa fi baay’inaan akka oomishan hojjetamaa jiraachuu Itti Gaafatamaan Waajjira Qonnaa Kutaa Magaalaa Sulultaa Obbo Girmaa Tolasaan Faanaa Diijitaalitti himaniiru.Bara kana Sheediwwan beelladaa 568 ijaaramuu eeruun, kana keessaa Sheediwwan 389 misooma aannaniif kan oolan ta’uu kaasan.Kutaa magaalichaatti Waldaaleen kumni 1 fi 200 Inisheetiiviiwwan qonna magaalaarratti bobba’anii hojjetaa jiru jedhan.Guddigalli Aannan itti gurguramu Birrii miiliyoona 10 oliin, akkasuma warshaan aannan saamsuu fi kurfeessu ijaaramaa jiraachuu dubbatan.Hanqinaalee jiran adeemsa adeemsaan furuuf xiyyeeffannoo addaan ni hojjetama jedhan.Yeroo ammaa magaalicha keessatti bakka hundatti oomishaaleen bu’aa beelladaa gurguramaa jiraachuu eeran.Waldaaleen kunneen oomisha qulqullina olaanaa qabu gatii madaallawaan jiraattota magaalichaa fi gabaa giddugaleessaaf dhiyeessaa jiru jedhan obbo Girmaan.Siifan Magarsaatiin#Oromia #EthiopiaOdeeffannoowwan waqtaawaa dabalataa argachuuf;Teelegiraama t.me/afanoromofanaYuutiyuubii Afaan Oromo: www.youtube.com/@fmcafaanoromooMarsariitii www.fanamc.com/afaanoromooTiwiitara https://twitter.com/fanatelevisionFeesbuukii: FMC Afaan OromooTiktok https://www.tiktok.com/@fana_afaan_oromooYeroo maraa nu waliin waan taataniif isin galateeffanna.