Damee Geejjibaafi Loojistiksii guddisuuf…

Wait 5 sec.

Finfinnee, Bitootessa 9, 2018 (FMC) – Damee Geejjibaafi Loojistiksii guddisuuf tumsaan hojjechuun barbaachisaadha jedhe Ministeerri Geejjibaafi Loojistiksii.Ministeerichi damee geejjibaa irratti qaamolee qooda fudhattootaa waliin marii gaggeessaa jira.Ministir Deetaan Ministeera Geejjibaafi Loojistiksii Barii’oo Hasan wayita kana biyyattiin riifoormii siiviil sarvisii hunda galeessa ta’e gaggeessuu fi hojii uummataaf dursa kennu hojjechaa jiraachuu ibsan.Damichi waggoottan darban sababoota garaagaraan boodatti hafee akka ture yaadachiisuun, dandeettii diinagdee Itiyoophiyaa guddisuuf damicharratti xiyyeeffannoon hojjetamuu qaba jedhan.Sadarkaa addunyaan damee geejjibaaf loojistiksiin irra geesserra gahuuf bu’uura kaa’uun barbaachisaa ta’uus ibsan.Riifoormii damichaan hojjetamaa jiru milkeessuuf xiyyeeffannoon hojjechuu akka barbaachisu hubachiisaniiru.Imaammanniifi tarsiimoowwan fooyya’uu qaban hedduun jiraachuu kaasanii, qaamoleen qooda fudhattootaa hundi itti gaafatamummaa isaanii haalaan bahachuu qabu jedhaniiru.Wandimmaaganyi Tsaggaayeetu gabaase.#Oromia #EthiopiaOdeeffannoowwan waqtaawaa dabalataa argachuuf;Teelegiraama t.me/afanoromofanaYuutiyuubii Afaan Oromo: www.youtube.com/@fmcafaanoromooMarsariitii www.fanamc.com/afaanoromooTiwiitara https://twitter.com/fanatelevisionFeesbuukii: FMC Afaan OromooTiktok https://www.tiktok.com/@fana_afaan_oromooYeroo maraa nu waliin waan taataniif isin galateeffanna.