Kantibaa Adaanech Abeebeen kutaalee hawaasaa garaagaraaf maaddii qoodan

Wait 5 sec.

Finfinnee, Bitootessa 9, 2018(FMC) – Kantibaan Magaalaa Finfinnee Adaanech Abeebeen kutaalee hawaasaa garaagaraa kuma 100 oliif maaddii qoodaniiru.Kutaalee hawaasaa harka qalleeyyii, maanguddoota, qaama miidhamtootaa fi kanneen biroof maaddii qooduu dubbatan.Sagantaan maaddii qooduu kun kutaaalee fi aanaalee magaalichaa hunda keessatti gaggeeffamaa jiraachuu ibsan Kantibaa Adaanech fuula miidiyaa hawaasummaa isaaniin.Baatii Ramadaana kana keessa lammiilee kuma 27 oliif baatii guutuu giddugala nyaataa 28 keessatti sagantaan Ifxaraa gaggeeffamuun rakkoo malee akka dabarsan taasiifamuu dubbatan.Maaddii kan qoodni rakkoo yeroo furuuf qofa osoo hin taane kabaja ummataaf qabnu mul’isuufi jedhan.Duudhaa Obbolummaa fi walgargaarsaa guddisuuf ta’uu kaasan.#Oromia #EthiopiaOdeeffannoowwan waqtaawaa dabalataa argachuuf;Teelegiraama t.me/afanoromofanaYuutiyuubii Afaan Oromo: www.youtube.com/@fmcafaanoromooMarsariitii www.fanamc.com/afaanoromooTiwiitara https://twitter.com/fanatelevisionFeesbuukii: FMC Afaan OromooTiktok https://www.tiktok.com/@fana_afaan_oromooYeroo maraa nu waliin waan taataniif isin galateeffanna.