Dubartoonni ogummaan jiraatu; ofitti amanamummaan hojjetu; ni danda’us – Kantiibaa Adaanech Abbeebbee

Wait 5 sec.

Finfinnee, Bitootessa 13, 2018 (FMC) – Kantiibaan Magaalaa Finfinnee Adaanech Abbeebbee, har’a ganama fiigicha daandii irraa kiiloomeetira 5 dubartoonni 16,000 irratti hirmaatan eegalchiisaniiru.Kantiibittiin yeroo kanatti akka jedhanitti: “Dubartoonni ogummaan jiraatu; ofitti amanamummaan hojjetu; ofitti amanamummaan fiigu; ni danda’us,” jedhaniiru.Hunduu harka wal qabannee badhaadhina Itoophiyaa ni mirkaneessina jechuun xiyyeeffannoo kennanii dubbataniiru.Dorgommiin kunis misooma kooriidariitiin baay’ee miidhagee, mijataa fi bifa haaraa ammayyaa magaalattiif kan kenne, daandii Boolee – Atilaas – Uraa’el irratti haala adda ta’een gaggeeffamuu ibsaniiru.#Oromia #Ethiopia