Finfinnee, Bitootessa 9, 2018 (FMC) –Ayyaanni Iid Al Faxir waggaa kumni 1 fi 447ffaan Jimaata dhufu kabajama jedhame.Addeessi Shawaal har’a waan hin muul’anneef Ayyaanni Iid Al Faxir Bitootessa 11, 2018 kabajama.Duudhaaleen waliif yaaduu wayita Ramadaanaa mul’ate cimee itti fufuu qaba jedhan Ittaanaan Pireezidaantii Mana Maree Waliigalaa Dhimmoota Islaamummaa Itiyoophiyaa Sheehi Abduulkariim Sheehi Badiriin kabaja ayyaanichaa ilaalchisee ibsa kennaniin.Sheehi Abduulkariim Sheehi Badiriin, Hawaasni Musliimaa wayita Ayyaana Iid Al Faxir waggaa kuma 1 fi 447ffaa kabajan lammiilee rakkoo garaagaraaf saaxilaman gaaffachuu fi deeggaruun ta’uu akka qabu yaadachiisan.Duudhaan waldeeggaruu fi waltumsuu Baatii Ramadaanaa keessa mula’ate cimee itti fufuu akka qabu gaafatan.#Oromia #Ethiopia