Mootummaan ijaarru hirmaannaa filannoon dura taasifnu irratti hunda’a – Dooktar Abiy Ahimad

Wait 5 sec.

Finfinnee, Bitootessa 10, 2018 (FMC) – Mootummaan ijaarru hirmaannaa filannoon dura taasifnu irratti hundaa’a jedhan Ministirri Muummee FDRI Dooktar Abiy Ahimad.Ministirri Muummee Dooktar Abiy Ahimad Ayyaana Iid- Alfaxir kuma 1 fi 447ffaa sababeeffachuun ergaa baga ittiin isin gahee dabarsaniin, Filannoon fuuldura keenya baatii Caamsaa gaggeeffamu biyyi keenyi injifannoo diimokiraasii kan itti gonfattudha jedhaniiru.Filannichi ulaa ittiin Itiyoophiyaan bara ifaa isheetti ittiin ceetu ta’uus ibsaniiru.Akka biyyaatti diimokiraasii waggoota hedduuf hawwaa turreerra kan jedhan Dooktar Abiy Ahimad, imalli keenya mijataa hin turre jechuun ibsan.Qormaata booda eebbi, jajjabina booda gammachuun akka jiru sooma ramadaanaa fi Ayyaana Iid Alfaxir irraa baranna; dhimmoota hafuuraanis ta’ee biyya lafaan sanyiifi oomishni hidhata qabaachuu eeran.Waa’ee diimokiraasiis wayita yaadnu haqa kana dagachuu hin qabnu; Mootummaan uummataafi seera qabeessi ijaarru kan inni hundaa’u hirmaannaa nuti filannoon dura taasifnu irratti jedhan.Hirmaannaa laafaa taasifnee dimookiraasii cimaa uumuuf hawwuun gowwummaadha; Sirni diimokiraasii lafa duwwaarraa hin biqilu; walitti bu’iinsaafi seermaleessummaanis hin ijaaramu jechuun hubachiisan.Faallaa kanaa tasgabbii, onnee tumsaafi qindoominaaf banaa ta’e, seeraan hogganamuu akka gaafatu ibsaniiru.#Oromia #Ethiopia