Duula waraanaa Iraanirratti gaggeeffamaa jiru…

Wait 5 sec.

Finfinnee, Bitootessa 12, 2018 (FMC) – Duulli waraanaa Iraanirratti gaggeeffamaa jiru suuta suuta hir’ataa kan deemu ta’uu Pireezidaantiin Ameerikaa Doonaald Tiraampi ibsan.Ameerikaan dandeettii waraanaa Iraan dadhabsiisuun waraanicha xumuruuf karoorfachuu dubbatan ibsa kennaniin.Ameerikaan kaayyoo ishee milkeessuuf fiixerra gahuu ibsan Pireezidaanti Tiraampi.Duulichis suuta suuta xumura argataa adeema jedhan.Haa ta’uutii wayita Ameerikaan duulicha gaggeessitu biyyoonni ulaa Hoormuuzirra fayyadamoo ta’an nageenya sararichaa eeguu qabu jechuun ibsan.Ameerikaan waraana lafoo gara Iraanitti bobbaasuuf kan dandeessi karoora qopheessaa jiraachuu eeruun, biyyi isaanii waliigaltee dhukaasa dhaabuu taasisuuf fedhii kan hin qabne ta’uu dubbatan.Sababa waraanichaan hanqina gabaa boba’aa sadarkaa addunyaatti muudate hir’isuuf Ameerikaan uggura gabaa bobaa’aa Iraanirra keessee turte yeroof kaasuu ibsan.Waraana torbee sadi guutuu itti fufe kanaan Israa’ee eda galgalaa Teehiraanii fi Libaanosirratti haleellaa Misaa’elaa hedduu raawwachuu BBC’n gabaaseera.Haaluma walfakkaatuun Hiizboolaan haleellaa deebii fudhateen Kaabaa Israa’elitti kan argamu buufata waraanaa Faayilan haleeluu Press TV’n gabaaseera.Miikiyaas Ayyalaatiin#Oromia #Ethiopia