Finfinnee, Bitootessa 11, 2018 (FMC) – Baalli sammuu namaa adoochu Kaanaabiis jedhamu kan kiiloo giraama 40 ulfaatu Buufata Xiyyaaraa Idil Addunyaa Booleetti to’atame.Ogeeyyiin Tajaajila Nageenya Biyyaalessaa fi Nageenya Ayiveeshinii waloon ta’uun to’achuu ibsame.Taayilaandi Baankuukii ka’uun Afrikaa Kibbaa Magaalaa Johaannisbargi gahuuf daddabarfamaa kan ture qorichi kiiloogiraama 37.6 ulfaatu sakattoo taasifameen Korojoo keessatti haala daran iccitii ta’een dhokfamee osoo jiru to’atamuu Tajaajila Nageenya Biyyaalessaa ibsa Faanaa Diijitaalaaf ergeen himeera.Lammiin Ingiziil baalicha waliin to’atamee qorannoo dabalataa taasifamaa jiraachuu hime.Akkasuma Xiyyaara Faransaay Paarisii gara Magaalaa guddoo Koomooroos imalaa ture keessattis baalli sammuu namaa hadoochu kiiloo giraamni 3.160 Buufata Xiyyaaraa Idil Addunyaa Booleetti to’atameera.