Finfinnee, Guraandhala 8, 2018(FMC) – Dameen faayinaansii Itiyoophiyaa fayya qabeessa, tasgabbaa’aa fi nageenyi isaa kan eegame ta’ee itti fufaa jiraachuun gamaaggamameera jedhe Baankiin Biyyaalessaa Itiyoophiyaa. Baankichi nageenya sirna Faayinaansii eeguuf gabaasa gamaaggama nageenya sirna faayinaansii 3ffaa Adoolessa 2024 irraa hanga Waxabajjii 2025tti fi haala dameen faayinaansii bara baajetaa kanatti irra jiru ifoomseera.Akkaataa karoora kanaan sirni faayinaansii Itiyoophiyaa dhiibbaawwan alaa fi keessaan, muddama naannawaa fi gufuuwwan keessatti socho’aa turuu baankichi kaaseera.Bara baajetaa kanatti dinagdeen Maakiroo biyyatti dhiibbaawwan keessoo, alaa fi naannawaa kanneen keessatti fooyya’iinsa argisiisuu baankichi ibseera.Dinagdeen Itiyoophiyaa bara baajetaa kanatti guddachaa dhufuu fi sirni faayinaansii tasgabbaa’aan akka jiraatuuf gargaaruu baankichi eree, kunis qaala’iinsa gatii hir’isuu danada’uu isaa hubachiiseera.Guddinni dinagdee Itiyoophiyaatti mul’ate bu’a-qabeessummaa imaammata maallaqaa guddisuuf tattataffii jiru keessatti ga’ee qabatamaa gumaachaa akka jirus ibseera.Saaxilamummaan dinagdee gooroo hir’achuu, raawwiin baajetaa fooyya’uu fi idaan uummataa fi biyyaa hir’ina argisiisuus beeksiseera. Haaluma walfakkaatuun seekteroonni maaykiroo faayinaansii akkasumas dameeleen gabaa kaappitaalaa fi wabii hawaasummaa haala gaarii irra akka jiran eerameera.Walumaagala bara baajetaa kanatti sirni faayinaansii fayya-qabeessa, tasgabbaa’aa fi nageenyi isaa kan eegamee ta’ee socho’aa akka jiru odeeffannoo Baankichi Faanaa Dijiitaaliif erge ni mul’isa.#Oromia #Ethiopia