Finfinnee, Bitooteessa 8, 2018 (FMC) – Kantibaan Magaalaa Finfinnee Aadde Adaanech Abeebeen hoggantoota mana Amantaa Kiristaanaa warra wangeelaa, Kaatolikii fi Adveentistii waliin mari’ataniiru.Aadde Adaanech Abeebeen ergaa miidiyaa hawaasummaa isaaniin dabarsaniin mata duree “ Dhaabbilee Amantaalee Ilaalama Mootummaa Ida’amuun” jedhuun guyyaa har’aa abbootii amantaa fi hoggantoota kanneen waliin marii bu’aa qabeessa gaggeessuu ibsan.Mootummaan amantaalee hunda akkaataa duudhaa fi barsiifata isaaniin qixaan keessummeessa jedhan Kantibaa Adaanech Abeebeen.Manneen Amantaa kunneen Nageenya waaressuu,misoomaa, ijaarsa dhalootaa, hariiroo ummataa cimsuu, tokkummaa jabeessuu, namuusa, seenaa fi eegumsa hambaalee, akkasuma Itiyoophiyaa addunyaatti beeksisuu keessatti qooda olaanaa qabaachuu dubbatan Kantibaa Adaanech Abeebeen.#Oromia #EthiopiaOdeeffannoowwan waqtaawaa dabalataa argachuuf;Teelegiraama t.me/afanoromofanaYuutiyuubii Afaan Oromo: www.youtube.com/@fmcafaanoromooMarsariitii www.fanamc.com/afaanoromooTiwiitara https://twitter.com/fanatelevisionFeesbuukii: FMC Afaan OromooTiktok https://www.tiktok.com/@fana_afaan_oromooYeroo maraa nu waliin waan taataniif isin galateeffanna.