Finfinnee, Fulbaana 20, 2018 (FMC) – Taphoonni Shaampiyoonsi Liigii Awurooppaa marsaa 2ffaan har’a magaaloota Awurooppaa garaagaraa keessatti ni taphatamu.Har’a halkan sa’aatii 4:00 jalqabee Joozee Moriinhoon Beeneefikaa dursuun kilaba isaa duraanii Cheelsii waliin falmiin taasiisu ni eegama.Cheelsiin kilaba jabaa ta’uu dubbatan, Joozee Moriinhoon yaada taphichaan dura kennaniin.Ani yeroo hunda Cheelsiin deeggara, har’a garuu Beeneefikaan akka Cheelsii injifatu nan hojjedha jedhan.Galgala sa’aatii 1:45 jalqabee Riyaal Maadriid – Kaayiraat Almaatii, Ataalaantaan – Kilab Biruuji waliin taphatu.Halkan sa’aatii 4:00 irratti Liiverpuul – Galataasaaraay, Tootenhaam – Boodoo Giliimti waliin falmatu.Akkasuma Inter Miilaan – Islaaviyaa Piraag, Baayerni Muunich – Paafoos, Atileetikoo Maadriid – Intiraakit Firaankfarti, fi Maarsee – Ayaaksi Amistardaam waliin morkatu.#Oromia #EthiopiaOdeeffannoowwan waqtaawaa dabalataa argachuuf;Teelegiraama t.me/afanoromofanaYuutiyuubii Afaan Oromo: www.youtube.com/@fmcafaanoromooMarsariitii www.fanamc.com/afaanoromooTiwiitara https://twitter.com/fanatelevisionFeesbuukii: www.facebook.com/afaanoromoofanaTiktok https://www.tiktok.com/@fana_afaan_oromooYeroo maraa nu waliin waan taataniif isin galateeffanna.