Finfinnee, Fulbaana 20, 2018 (FMC) – Sirni barnootaa haaraan dhimmoota Hidha Haaromsaa ilaallatan boqonnaalee hedduu hammateera jedhe Ministeerri Barnootaa.Eebbifamuun hidhichaa barnoonni seenaa seennessa siyaasaarraa gara qabiyyee hawaas diinagdeetti akka jijjiiramu taasiseera jedhan Ministeerichatti dursaan garee Gabbisa Sirna Barnoota Saayinsii Hawaasummaa Umar Imaam.Sirni barnootaa haaraan dhimmoota hidha haaromsaa ilaallatan hedduu of keessatti hammachuu dubbatan.Haalli waliigalaa Hidha Guddicha Haaromsa Itiyoophiyaa sirna Barnootaa keessatti hammatamuun birmadummaa mirkaneessuun jaalala biyyaa cimsa jedhan.Dhaloota tokkummaa sabdaneessaa ijaaruu keessatti qooda olaanaa qabaachuu eeran.Tsaggaayee Nigustu gabaase.#Oromia #EthiopiaOdeeffannoowwan waqtaawaa dabalataa argachuuf;Teelegiraama t.me/afanoromofanaYuutiyuubii Afaan Oromo: www.youtube.com/@fmcafaanoromooMarsariitii www.fanamc.com/afaanoromooTiwiitara https://twitter.com/fanatelevisionFeesbuukii: www.facebook.com/afaanoromoofanaTiktok https://www.tiktok.com/@fana_afaan_oromooYeroo maraa nu waliin waan taataniif isin galateeffanna.