Finfinnee, Fulbaana 17, 2018 (FMC) – Ayyaanni Masqalaa hordoftoota Amantaa Kiristiyaanaa guutuu Itiyoophiyaatti argaman biratti kabajamaa jira.Ministira Muummee FDRI Dooktar Abiy Ahimad, Paatiriyaarikii Mana Amantaa Ortodoksii Waloomaa Eebbifamoo Abunee Maatiyaas, Pireezidaantoonni naannolee fi Embaasiwwan biyyoota garaagaraa teessoo isaanii Finfinnee godhatan ergaa baga geessanii dabarsaniiru.Ayyaanni Daamaraa Masqalaa bara 2018 guyyaa kaleessaa haala hoo’aa ta’ee guutuu biyyattiitti kabajameera.Ayyaanni Masqalaa ammoo har’a duudhaalee fi aadaa amantichaa karaa eegeen sagantaalee adda addaan kabajamaa jira.Ayyaanni Masqalaa Ayyaanota walummaa, tokkummaa fi hariiroo ummataa cimsan keessaa isa tokko yoo ta’u, ayyaana taateewwan aadaa garagaraa heddumminaan kabaja ayyaanichaa keessatti calaqqisaniidha.Ayyaanni kun uffannaa aadaa, nyaataa aadaa fi sirboota aadaan dabaalamee kabajama.