Hayyoonni hojiilee qorannoo rakkoo hawaasaa furan hojjechuu qabu- Piroofeesar Birhaanuu Naggaa

Wait 5 sec.

Finfinnee, Fulbaana 19, 2018 (FMC) – Hayyoonni galteewwan imaammataa ijaarsa biyyaaf bu’uura kaa’an qorannoon adda baasuuf hojjechuu qabu jedhan Ministirri Ministeera Barnootaa Piroofeesar Birhaanuu Naggaan.Korri qorannoo idil-addunyaa 22ffaan qindeessummaa Yuunivarsiitii Finfinnee, Yuunivarsiitii Hawaasaafi Dhaabbata Qorannoo Itiyoophiyaan qophaa’e Yuunivarsiitii Hawaasaatti gaggeeffamaa jira.Piroofeesar Birhaanuu Naggaa wayita kana akka jedhanitti, jijjiirama biyyaa itti fufsiisuufi rakkoolee hawaasaa ariitiifi waaraan furuuf hayyoonni hojiilee qorannoo irratti ciminaan hojjechuu qabu.Gahee hayyoonni ijaarsa biyyaa keessatti qaban guddisuuf korawwan qorannoo walitti fufiinsaan geggeeffamuu akka qaban eeraniiru.Hayyoonni hojiilee qorannoo rakkoo hawaasaa furan hojjechuu akka qaban hubachiisuu isaanii TOI gabaaseera.#Oromia #EthiopiaOdeeffannoowwan waqtaawaa dabalataa argachuuf;Teelegiraama t.me/afanoromofanaYuutiyuubii Afaan Oromo: www.youtube.com/@fmcafaanoromooMarsariitii www.fanamc.com/afaanoromooTiwiitara https://twitter.com/fanatelevisionFeesbuukii: www.facebook.com/afaanoromoofanaTiktok https://www.tiktok.com/@fana_afaan_oromooYeroo maraa nu waliin waan taataniif isin galateeffanna.