Biirichi hanqina dhiyeessii bishaan dhugaatii qulqulluu furuuf hojjechaa jira – Injiinar Miiliyoon Baqqalaa

Wait 5 sec.

Finfinnee, Fulbaana 15, 2018 (FMC) – Biirichi hanqina dhiyeessii bishaan dhugaatii qulqulluu furuuf xiyyeeffannoon hojjechaa jira jedhan Hoggantuun Biiroo Bishaanii fi Inarjii Oromiyaa Injiinar Miiliyoon Baqqalaan.Godina Baalee Aanaa Gooroo Magaalaa Malkaa Buttaatti piroojektiin bishaanii Birrii miliyoona 86.7 oliin ijaarame eebbifame.Piroojektichi qindeessummaa Biiroo Bishaaniifi Inarjii Oromiyaatiin kan ijaarame yoo ta’u, baasiin isaas dhaabbata ‘UNICEF’ fi hirmaannaa ummataa kan uwwifame.Hoggantuun Biiroo Bishaaniifi Inarjii Oromiyaa Injiinar Miiliyoon Baqqalaan saganticharratti haasawaa taasisaniin,biirichi rakkoo dhiyeessii bishaanii furuun bishaan dhugaatii qulqulluu babal’isuuf xiyyeeffannoon hojjachaa jiraachuu himan.Piroojektiin bishaanii guyyaa har’aa eebbifames hawaasni tajaajila bishaan dhugaatii qulqulluu akka argatu taasisuu bira darbee haala qulqullina dhaabbilee fayyaa fi manneen barnootaa fooyyessuuf kan deeggaru ta’uu dubbatan.Piroojektichi tajaajila itti fufiinsa qabu akka kennuuf hawaasni magaalichaa kunuunsuu akka qabanis dhaamaniiru.Bulchaan godina Baalee obbo Abdulhaakiim Aliyyiin gama isaaniin, godinichatti jijjiiramaa as pirojektoonni guguddoon fayyadamummaa hawaasaa mirkaneessan hedduun ijaaramuun tajaajila kennaa jiraachuu himan.Piroojektiin bishaan dhugaatii guyyaa har’aa eebbifames carraaqqii mootummaan rakkoo hawaasaa furuuf taasisaa jiruuf agarsiiftuudha jedhan.Oliyaad Ahimaditu gabaase.#Oromia #EthiopiaOdeeffannoowwan waqtaawaa dabalataa argachuuf;Teelegiraama t.me/afanoromofanaYuutiyuubii Afaan Oromo: www.youtube.com/@fmcafaanoromooMarsariitii www.fanamc.com/afaanoromooTiwiitara https://twitter.com/fanatelevisionFeesbuukii: www.facebook.com/afaanoromoofanaTiktok https://www.tiktok.com/@fana_afaan_oromooYeroo maraa nu waliin waan taataniif isin galateeffanna.