Waliigalteewwan mallatteeffaman dameelee tumsaa babal’isuuf kan gargaaranii dha – Dooktar Geediyoon Ximootewoos

Wait 5 sec.

Finfinnee, Guraandhala 21, 2018(FMC)-Waliigalteewwaan Azerbaajaan waliin mallatteeffaman fuulduratti dameelee tumsaa bal’isuuf kan gargaaran dha jedhan ministirri Dhimma Alaa Dooktar Geediyoon Ximootewoos .Daawwannaa Ministirri Muummee Dooktar Abiy Ahimad Azerbaajaanitti geggeessan ilaalchisee ibsa kan kennan Dooktar Geediyoon, tumsi biyyoota lamaan gidduu jiru waggoota muraasaa asi bal’achaa dhufeera jedhan.Daawwannaan kunis tumsa dameelee adda addaan jiru caalmaatti kan cimsu ta’uus ibsaniiru .Kenna tajaajilaa dijiitaalaa mootummaan muuxannoon Azerbaajaan Tajaajila Giddugala Tokkoo Masoob waliin walfakkaataa ta’uu eeranii tajaajilicha cimsuuf tumsaan hojjechuu akka barbaachisus kaasniiru.Dameelee Tuurizimiin, jijjiirama qabeenya qilleensaa fi aviyeeshiniin hariiroon biyyoota kanneenii dhaabbataan deggeruun caalmaatti bu’aa qabaachisuuf ga’ee guddaa qaba jedhan.Hariiroon dinagdee biyyoota lamaanii keessumaa walitti hidhamiinsa daldalaa fi inveestimeentii guddisuuf faayidaa guddaa akka qabaatus eeraniiru.Abiy Geetaahuniin#Oromia #Ethiopia