Finfinnee, Guraandhala 22, 2018 (FMC)- Injifannoon Adwaa nageenya waloo fi tumsa loltummaa Afrikaanotaaf bu’uura cimaadha jedhan Ministirri Ministeera Raayyaa Ittisa Biyyaa Injiinar Ayishaa Mahaammad.Konfiraansiin 2ffaa Ministiroota Raayyaa Ittisaa Afrikaa Finfinneetti gaggeeffamaa jira.Injiinar Ayishaan wayita kanatti haasawaa taasisaniin,Injifannoon Adwaa mallattoo bilisummaa Afrikaa qofa osoo hin taane tumsa Ardileef ka’umsa ta’uu dubbatan.Afrikaanonni miira ni danda’amaa Adwaarratti mul’ate qabachuun qajeeltoo fayyadamummaa waloorratti hundaa’een nageenyaafi tumsa loltummaa Ardiichaa caalmaatti cimsuu qabu jedhan.Biyyoonni Afrikaa haala siyaasaa fi nageenyaa Addunyaa yeroo amma jijjiiramaa fi walxaxaa ta’ee ilaalcha keessa galchuun tumsa gamlamee fi naannawaa cimsuun yeroo kamuu caala waloon dhabbachuu akka qabanis hubachiisaniiru.Injifannoon Adwaa Itiyoophiyaanoonni garaagarummaa tokko malee waloon dhaabbachuu eeruun, tokkummaan kun har’as nageenyaafi tasgabbii Afrikaaf wabii ta’uu ibsuu isaanii ‘ENA’ gabaaseera.Konfiraansicharratti Ministiroonni Raayyaa Biyyoota Afrikaa garaagaraa, qondaaltoonni Olaanoo Waraanaa, Attaasheewwan loltummaa fi qorattoonni argamaniiru.#Oromia #EthiopiaOdeeffannoowwan waqtaawaa dabalataa argachuuf;Teelegiraama t.me/afanoromofanaYuutiyuubii Afaan Oromo: www.youtube.com/@fmcafaanoromooMarsariitii www.fanamc.com/afaanoromooTiwiitara https://twitter.com/fanatelevisionFeesbuukii: FMC Afaan OromooTiktok https://www.tiktok.com/@fana_afaan_oromooYeroo maraa nu waliin waan taataniif isin galateeffanna.