Shaggaritti ijaarsi Manneen barnootaa 69 xumuramuun tajaajilaaf qophii ta’an

Wait 5 sec.

Finfinnee, Guraandhala 19, 2018 (FMC) – Bulchiinsa Magaalaa Shaggaritti ijaarsi Manneen barnootaa 69 xumuramuun tajaajilaaf qophii ta’an jedhe Waajjirri Barnootaa magaalichaa.Manneen barnootaa sadarkaa 1ffaa bara kana ijaarsi isaanii eegalame 116 keessaa hanga ammaatti 69 xumuramuun tajaajilaaf qophii ta’uu Itti Gaafatamaan Waajjira Barnootaa magaalaa Shaggar obbo Firakiyyaa Kaasahuun dubbataniiru.Kutaa Magaalaa Galaanitti Manneen barnootaa 6 ijaarsi isaanii xumuramuu ibsan.Kanneen keessaa lama adeemsa baruu fi barsiisuu eegaluu himan obbo Firakiyyan.Manneen Barnootaa ijaarsarra jiranis yeroo gabaabaa keessatti xumuruuf ni hojjetama jedhan.Hojiilee hojjetamaa jiran kanneen keessatti hirmaannaan hawaasaa olaanaa ta’uu ibsaniiru.Taarik Addunyaatiin#Oromia #EthiopiaOdeeffannoowwan waqtaawaa dabalataa argachuuf;Teelegiraama t.me/afanoromofanaYuutiyuubii Afaan Oromo: www.youtube.com/@fmcafaanoromooMarsariitii www.fanamc.com/afaanoromooTiwiitara https://twitter.com/fanatelevisionFeesbuukii: FMC Afaan OromooTiktok https://www.tiktok.com/@fana_afaan_oromooYeroo maraa nu waliin waan taataniif isin galateeffanna.